Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) – Godina Jimmaatti bara 2018 keessa Bunni tooniin kumni 39 ol gabaa alaaf dhihaateera.
Godinichatti konfiraansiin qulqulina bunaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira.
Kofiraansichi oomisha bunaa baay’inaafi qulqulinaan gabaa addunyaaf dhiheessuun haala danda’amu irratti mari’ata.
Daldala seeraan alaa qulqulina bunaa miidhaa jiru furuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uun ibsame.
Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir, bara 2018 bunni tooniin kumni 39 fi 939 gabaa alaaf dhihaachuu eeruun, bara kanas qulqulinaafi baay’inaaf xiyyeeffannoon kennamee ni hojjatama jedhan.
Qonnaan bultootni 550 buna kallattiin gabaa alaaf dhiheessuuf eeyyama argachuu dubbatan.
Baranas qophiin sassaabbii bunaa xumuramuu himuun, yuuniyeenootaafi waldaalee rakkoon faayinaansii akka hin muudanne dhaabbilee faayinaansii waliin walitti hidhamiinsi taasifamuu ibsan.
Muktaar Xahaatiin