Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Waajjirri Qonnaa Godina Kibba Baha Oromiyaa loon kuma 900 ol mala saayinsaawaan diqaalomsaan jira jedhe.
Qonnaan bultoonnifi horsiisee bultoonni loowwan baay’inaan qabaatanis oomisha xiqqaa irraa argachaa turuu amma mala saayinsawaa loowwan isaanii mala namaan diqaalomsan oomisha aannanii gahaa argachaa jiraachuu dubbatan.
Mala aadaatiin karoora of danda’uu omishaafi omishtummaa galmaan gahuuun ulfaataa ta’uu Ittaanaan Waajjira Qonnaa godinichaa obbo Zalaalam Alamaayyoon dubbataniiru.
Akka godinichaatti aanaalee 63 keessatti mala saayinsawaan loon sanyii fooyya’aa kuma 900 diqaalomsuuf hojjetamaa jira jedhan.
Olyaad Ahmadiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa