Taphni Goobee mallattoo gammachuu, tokkummaa fi walitti dhufeenya hawaasummaati.
Xumura Gannaa fi jalqaba waqtii Birraa tapha Qeerroowwan taphataniidha.
Aadaa dhaloota irraa dhalootatti darbee as gahe yoo ta’u, yeroo Birraan bari’u dargaggoonni uffata aadaa uffachuun, sirbaa aadaa gammachuu fi hawwii gaarii ittiin ibsataniidha.
Taphoonni aadaa kun seenaa fi eenyummaa Oromoo dhaloota haaraatti dabarsuu qofa otoo hin taane, aadaa dagatamaa dhufe deebisuuf, walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu fi hawwata tuuriizimii Oromiyaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Goobeen tapha yookaan sirba dargaggoota qeerroo [hin fuuneen] tapahatamuudha.
Goobeen Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ni taphatama, Godinaalee Shawaa keessatti ammoo bal’inaan taphatama.
Dargaggoonni osoo Goobeen hin gahin dura, Ulee sooffatanii, goofaree filatanii, rigaa muratanii, faayawwan barbaachisani bitachuun sagalee qarachuun qophaa’u.
Dargaaggoonni Goobee yoo taphatan:-
Goobee maaloo goobsan malee Kormi hin aadu, …. Goobeehoo
Goobee maaloo simalee kan biraa hin yaadu,… Goobeehoo
Goobee maaloo dhiirri Birraa tana duula,… Goobeehoo
Goobee Maaloo Irreessi keetii yaa Birraa … Goobeehoo
Goobee maaloo barana gaarummaa jirra,… Goobeehoo
Goobee Maaloo Mee Goobee Itti dheessi … Goobeehoo
Asaasee Asaasee asaassa’ee Roobee Arfaasaa(2) dheerressi Birraan barana. … Hoohoo heehee asaasee Asaassa’ee Roobee Arfaasaa(2) dheereesse Birraan Baranaa,
Asaasee … Heehee
Asaasee … Heehee
Masqala Birraa .. Heehee
Asaasee … Heehee
Walbira Jirraa … Heehee
Asaasee Asaasu malee hin roobu … Heehee
Asaasee asaasumaan Rooba waqni baranaa … Hoohoo heehee Asaassa’ee Roobee Arfaasaa dheereesse Birraan Baranaa,
Ayyaana Waggaa Ayyaantuutu argaa,
Asaasee Birraa barii guyyaa Irreessaa
Asaasee Beenu sin geessa, jechaa dhiichisaa taphatu.
Yaa dureessa koo —— ———— Hoo irreessaa
Dureessi hin kooruu—– — ——–Hoo irreessaa
Natti koorini– ————————Hoo irreessaa
Naxalaa Kirri ———————– Hoo irreessaa
Yaa dureessa koo ——————- -Hoo irreessaa
Birrin simararin ———————– Hoo irreessaa
Yaa dureessa koo ——————– Hoo irreessaa
Margi si magarsa—————— —Hoo irreessaa
Yaa dureessa koo——————— Hoo irreessaa qa’ee hangafaa fi abbaa kallachaatti sirbu.
Akkaataan walaloo fi Yeeddaloo, Dhiichisaa fi Utaalchaa Aanaa Aanaatti, Godinaa Godinatti hanga tokko garaagarummaa yaa qabaatuu malee hundu gammachuu, abdii fi jaalalaa ibsu.
Goobee, Iyyoolee, Hee Bokee, Asaasees ta’ee kan biroo, Tokkummaa, misooma, hamilee, walummaa fi gootummaa faarsu.
Ganni yeroon dadhabbii, dhamaatii, Qorraa, Roobaa fi dukkanaa darbuun yeroon gammachuu, ifaa, quufaa fi hoodaa dhuufuu labsu.
Goobeen tokkummaa, misooma, jaalalaafi nageenya faarsa; Shinooyyeen ammoo suga Birraa, gootummaa, bareedina umamaafi milkii faarsa. Ce’umsa dukkanarraa ifatti, rakkoorraa qananiitti, adda cituurraa qaaman walarguutti, yaaddorraa nageenyatti taasifamu lallabuun abdii, araaraafi boqonnaa haaraa yaadachiisu.
Kanaaf, kabajni kun ayyaana tokko yaadachuu qofa miti. Hariiroo namaafi umamaa, dhaloota har’aafi egeree, akkasumas jireenya hawaasaa haaromsuu of-keessatti hammata.
Har’a Goobeefi Shinooyyeen baadiyyaa bira taruun, magaalaa isaan moggeesse keessattillee faaya ta’anii jiru.
Aadaan ummata yaadatamuu qofa osoo hintaane, jiruu guyyuu hawaasaa ta’uutti ce’eera.
Haaromsa Aadaa Oromoo hordofee, ariitiin Goobeefi Shinooyyeen gara kaarnivaala idil-addunyaatti ce’uuf itti deemaa jiraachuun Pireezidanatiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa uummataa sirnoota darbaniin addaan citanii turan bakkatti deebisuu cinatti aadaan kun dorgomaa akka ta’uuf Haaromsa Aadaa geggeessaa jira.
Haaromsi Aaddaa Afaan, seenaa, falaasama, dhaabbilee hawaasaa, duudhaa, safuu, aartii, ogummaa, beekumsa xabboofi ittigaafatamummaa waloo akkasumas barnoota, qorannoo, saayinsii, teknoolojii, dhaabbilee, bulchiinsa, jireenya hawaasaafi dinagdee bar-dhalee gidduutti walsimaa ta’e uumuudha.
Qeerroofi Qarreen aadaafi tokkummaa ummataa dagagsuun siimboo ummataa Oromoo ta’aa jiru.
Haalli dhiyeessii fi qophii isaas baraa baratti jijjiiramaa duudhaa fi safuu isaa eegaa caalmaatti babal’achaa jira.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia