Harar bakka hawwata turizimii filatamaa taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran bu’a qabeessa- Obbo Teewoodiros Mihirat

Finfinnee, Fulbaana 8, 2019 (FMC) – Harar bakka hawwata turizimii filatamaa taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran bu’a qabeessaafi jajjabeessaadha jedhan  Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa, Obbo Teewoodiros Mihirat.

Jilli Obbo Teewoodiros Mihiratiin durfamu, Paarkii Ikkoo Harar keessatti bakka agarsiisa waraabessaa daawwateera.

Wayita kan obbo Teewoodiros akka jedhanitti, paarkiin ikkoo agarsiisa waraabessaa Harar keessatti ijaarame dandeettii turizimii magaalaa Harar guddisuuf gahee olaanaa qaba.

Naannichatti iddoowwan hawwata turizimii walfakkaatan babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa gaarii argamsiisuu ibsaniiru.

Paarkiin agarsiisa waraabessaa naannichatti ijaarame turistootaaf haala mijataa kan uumuu ta’uu himaniiru.
Kunis damee turizimii cimsuun magaalaa Harar bakka hawwata turistootaa filatamtuu taasisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Daawwannicharratti hoggantoonni olaanoon naannichaa fi pireezidaantonni manneen murtii waliigalaa naannolee argamaniiru.

Comments (0)
Add Comment