Finfinnee, Onkololeessa 5, 2019 (FMC)- Naannoo Harariitti gamaaggamni raawwii Mootummaa fi Paartii kurmaana jalqabaa bakka Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badrii argamanitti gaggeeffamaa jira.
Watajjichaan raawwiin karooraa kurmaana jalqabaa Mootummaa fi Paartii gamaaggamamuun kallatiin fuulduraa kan kaa’amu ta’uun ibsameera.
Gamaaggamicharratti Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ordiin Badrii, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Hararii Obbo Geetuu Wayyeessaa, Afyaa’iin Mana Maree naannichaa Sulxaan Abdusalaam dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa