Finfinnee, Onkololeessa 5, 2019 (FMC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa yaadota murtoo garaagaraa dhiyaatan qorachuun raggaasiseera.
Manni Marichaa yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 7ffaa gaggeeseera.
Manni Marichaa walga’ii isaan yaada murtoo koree miseensoota gorsitoota dhimma Mana Marichaa moggaasuuf dhiyaate qorachuun raggaasiseera.
Akkasumas gurmaa’insaa fi hojmaata koree dhaabbii mana marichaa murteessuuf bahe qorachuun raggaasiseera.
Dabalataniis kaadhimamtoota koree dhaabbii fi ramaddii miseensootaarratti yaada murtoo dhiyaate qorachuun raggaasiseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa