Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan ce’umsa diijitaalaafi hubannoo namtolchee qaama tarsiimoo misoomaa taasisuun hojjechaa jirti jedhan Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Tigist Fissahaan.
Jilli Itiyoophiyaa walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaafi Baankii Addunyaa cinaatti Ministiroota biroo, bakka bu’oota Baankii Addunyaa, Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaafi Faawundeeshinii Geetis waliin walga’ii hubannoo namtolchee irratti gaggeeffamerratti hirmaateera.
Marichi biyyoonni guddinarra jiran hubannoo namtolchee guddina hammataafi misooma waaraaf akka gargaaramaniif muuxannoo qooduufi dameewwan tumsaa adda baasuuf carraa uumuu ibsameera.
Aadde Tigist Fissahaa wayita kana, Itiyoophiyaan ce’umsa diijitaalaafi hubannoo namtolchee qaama tarsiimoo misoomaa taasisuun hojjechaa akka jirtu ibsan.
Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheefi Yuuniivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuus akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Itiyoophiyaan hubannoo namtolcheen, walitti hidhamiinsa naannawaa fi hammattoowwan misoomaa irratti deeggartoota misoomaa waliin tumsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Baankiin Addunyaafi deeggartoonni misoomaa biroon Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee fi Yuuniivarsiitii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa