Finfinnee, Caamsaa 5, 2018 (FMC) – Dippilomaasiin meeshaa ittiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eeganiidha. Kunis kan milkaa’u yoo ilaalchi fi yaadni hariiroo alaa ifa ta’e qofadha.
Yaadni kun kitaaba Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad “Ida’amuu” jedhamu keessatti bal’inaan xiinxalameera.
Keessumaa yaanni “Hariiroo Madaalawaa” jedhu isa hangafaa ti.
Addunyaa humnoonni gurguddoon wal-morkataa jiran keessatti, gama tokko qofa gortee hiriiruu mannaa, faayidaa biyyaalessaa irratti hundaa’uun hunda waliin hojjechuun bu’aa qabeessa.
Ilaalchi haaraa Itiyoophiyaa kanaan duraa irraa adda ta’e kun, addunyaan Itiyoophiyaa waliin akka hojjetu taasiseera.
Biyyoonni ilaalcha siyaasaa garaa garaa qaban hundis gara Itiyoophiyaa ‘piraagmaatiik’ taateetti akka dhufan godheera.
Hindii irraa hanga Tarkiyyee, Xaaliyaanii irraa hanga Israa’el, Emireetota Arabaa Gamtoomanii irraa hanga Indooneezhiyaa, Jibuutii irraa hanga Jarman, akkasumas Somaaliyaa fi biyyoonni hedduun harkisa dippilomaasii Finfinneetti uumameen hoggantoonni isaanii dhufaniiru.
Faransaay gama kanaan ishee jalqabaati. Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii waggoota 120 ol lakkoofsiise, bara mootummaa Ida’amuutti sadarkaa olaanaa irra ga’eera. Kanas daawwannaaleen hojii hoggantoota sadarkaa olaanaatti taasisan ni mirkaneessu.
Pirezidantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon daawwannaa isaanii isa jalqabaan Itiyoophiyaa daawwatan.
Turtii isaanii guyyoota lamaatiin ittisa, daldalaa fi invastimantii dabalatee waliigalteewwan hedduun mallatteessaniiru. Faransaay haaromsa manneen amantaa Laalibelaatiif deeggarsa ogummaa fi maallaqaa gochuuf waliigaltees mallatteessiteetti.
Pirezidaanti Maakiroon yeroo lammaffaaf daawwannaa hojii Itoophiyaatti geggeessaniin, hariiroon biyyoota lamaanii gara Michummaa Addaatti guddachuun isaa ibsameera.
Yeroo sanatti Faransaay gaaffii Itiyoophiyaan ‘Karra Galaanaa’ argachuuf dhiyeessitu akka deeggartu Pirezidaantichi ifatti beeksisaniiru.
Pirezidanti Imaanu’eel Maakiroon yeroo 3ffaadhaaf Finfinneetti daawwannaa hojii taasiisaa jiru.
Waggoota torba keessatti yeroo sadaffaaf daawwannaa taasiisuun isaanii qabxiilee lama kan mul’isuu dha:
1ffaa, Hariiroon cimaan Itoophiyaa fi Faransaay damee hunda keessatti guddachuu fi
2ffaa, Yaadni “Hariiroo Madaalawaa” inni ilaalcha hariiroo alaa “Ida’amuu” keessaa tokko ta’e galma gahuu.
#Oromia #Ethiopia