Haroon Dandiifi naannawaan isaa bakka madda gootota Itiyoophiyaa dhaabaniti – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Ebla 11, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Haroon Dandiifi naannawaan isaa bakka madda gootota Itiyoophiyaa dhaabaniifi naannawaa seena qabeessa jedhan.

Guyyaa har’aa qaama sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ kan ta’e Loojiin Haroo Dandii eebbifameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita kana ergaa dabarsaniin, Haroon Dandiifi naannawaan isaa qabeenyaafi miidhaginaa uumamaan kan badhaadhe qofa osoo hin taane seenaawwan darban kan qabu ta’uu ibsan.

Haroon Dandiifi naannawaan isaa madda gootota Itiyoophiyaa dhaabaniifi Itiyoophiyaaf gatii kaffalanii ta’uus kaasaniiru.

Akka fakkeenyaatti Ministirri jalqaa Raayyaa Ittisaa Habta Giyoogis Diinagdeen, wayita waraana Adwaa waraana kan hogganan Baalchaa Saafoo, Mulugeetaa Bulii, Jaagamaa Keelloofi Garasuu Dhukiin dhalattoota naannawaa kanaa ta’uu eeraniiru.

Seenaa gootota kanneenii yaadachuufi agarsiisuun kan danda’amu iddoowwan akka kanaa waliin yoo mul’ifamani jedhan.

Itiyoophiyaan seenaa fi qabeenya tuurizimii guddaa qabaachuu kaasanii, bu’uuraaleen misoomaa qabeenya kana haalaan fayyadamuuf dandeessisan garuu akka hin turre yaadachiisaniiru.

Xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen baajata mootummaan ala damee dhuunfaa hirmaachisuun pirojektoonni akka ‘Maaddiin Biyyaaf’ fi ‘ Maaddiin Dhalootaaf’ ijaaramuu danda’uu eeraniiru.

Abbootii qabeenyaa barsiisuuniifi qindeessuun hojii hojjetameen pirojektoonni akka Wancii Dandii, Riizoortii Shabalee, Mandaroota Beenuunaa, Gorgoraa, Halaal Keellaa, Cabaraa Curcuraa fi kanneen biroon ijaaramuu ibsaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment