Hidhi Haaromsaa Naannawaa Daldala bilisaa Ardii Afrikaa dhugoomsuuf bu’uura – Barruu Tayiimsi

Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti Naannawaa daldala bilisaa Ardichaa dhugoomsuuf giddugala anniisaa bu’uuraa ta’uun gahee olaanaa qabaachuu jedhe Barruun Taayiimsi.

Sirni Naannawaa daldala bilisaa Afrikaa, ummata Afrikaa biiliyoona tokkoo ol ta’uu fi qabeenya uumamaa hedduu qabu walitti fiduun, Afrikaa gara gabaa diinagdee qindaawaa walootti jijjiiruuf mul’ata guddaa qabaachuu eerera.

Mul’ata kana gahumsaan dhugoomsuuf bu’uuraalee misoomaa Indaastirii amanamaa, dorgomaa fi dandeettii qabu ijaaruun dirqama.

Haala kanaan, Hidhi Guddichi Haaromsaa Itiyoophiyaa Naannawaa Daldala bilisaa Afrikaa yaada ykn sanada qofa ta’ee akka hin hafne, gara hojii qabatamaatti akka ceesisuuf shora olaanaa bahachuu Barruun kun ibseera.

Akka gabaasa barruchaatti, hidhi lafee dugdaa anniisaa haaromfamuu danda’u Ardii Afrikaatiif bu’uura misoomaa murteessoo ta’uun tajaajiluu danda’a.

Guddinni daldalaa fi indaastirii Ardii Afrikaa saffisaan akka guddatuuf humna elektirikaa gahaa, gatii madaalawaa fi baasii xiqqaa qabu barbaachisa.

Yeroo ammaa biyyoonni Afrikaa hedduun hanqina humnaa fi gatii elektirikaa olaanaa irraa kan ka’e, indaastiriiwwan oomishaa isaanii dandeettii guutuun hojjechiisuuf rakkoo keessa jiru; kanaaf furmaata barbaaduu akka qaban gabaasichi ni ibsa.

Humni elektirikaa haaromfamuu danda’u Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaatiin oomishamu, Baha Afrikaa fi biyyoota ollaa biroo bal’inaan ga’uun, warshaalee, bu’uuraalee misoomaa geejjibaa fi caasaalee loojistikiif madda anniisaa ijoo ta’uu danda’a.

Kunis baasii oomishaalee hir’isuun, Afrikaanonni oomishaalee fi tajaajiloota gatii madaalawaa fi qulqullina olaanaa qaban wal jijjiiruuf carraa bal’aa akka argatan karaa bana.

Hidhi Haaromsaa tokkummaa ardiichaa fi tumsa naannawaa gochaan kan cimsuu ta’uu kan ibse gabaasichi, Anniisaa elektirikaa biyya tokko irraa gara biyya biraatti dabarsuun walitti hidhamiinsa anniisaa biyyoota Afrikaa cimsuu fi tumsa siyaasaa fi diinagdee isaanii daran saffisisa.

Afrikaa bu’uuraalee misoomaa anniisaa fi daldalaatiin walitti hidhuun tokkummaa ardichaa caalmaatti cimsuuf dhimma ijoo ta’uu gabaasichi kaaseera.

Haala kana keessatti gaheen Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu ibseera.

Hidhi kun bilisummaa diinagdee Afrikaa fi of danda’uu ishee galmaan ga’uuf carraa guddaa qabaachuu qofa osoo hin taane, mul’ata Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa dhugoomsuuf wabii anniisaa kennuun, Afrikaa gara sadarkaa haaraa guddina waloo tokkootti ceesisuuf riqicha ta’uu akka danda’u Barruun Taayim (TIME Magazine) gabaasa isaa keessatti eereera.

Abrahaam Abarraatin.

Comments (0)
Add Comment