Hirmaannaa Diyaaspooraan Afriikaa Biyya Isaanii Keessatti qaban Cimsuuf…

Finfinnee, Ebla 22, 2018 (FMC) – Afriikaan lammiilee ishee biyya alaa jiraatan akka michuu tarsiimootti fayyadamuun of cimsuu qabdi jedhan Hoogganaan Waajjira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Adaam Tasfaayee.

Waltajjiin qooda fudhattoota Diyaaspooraa Afriikaa mata-duree “Humna Diyaaspooraa guddina Ardiif fayyadamuu fi muuxannoo wal-jijjiiruu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Obbo Addaam Tasfaayee yeroo kanatti akka jedhanitti; Afriikaan yeroo jijjiirama teeknoolojii saffisaa fi dorgommii qabeenyaa idil-addunyaa kanatti, lammiilee ishee biyya alaa jiraatan akka michuu tarsiimawaatti fayyadamuu qabdi.

Diyaaspooraan guddina Ardaawaaf gahee guddaa taphachuu akka danda’uu fi dandeettii kana immoo imaammata dhimma alaa fi hammattoo dippilomaasii dinagdeetiin deeggaruun akka barbaachisu ibsaniiru.

Keessattuu, naannawaa daldala bilisaa Afriikaa fi guddina teeknoolojii diijitaalaa irratti ogummaa fi kaappitaala diyaaspooraa qindeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Itiyoophiyaan mul’ata kana gara gochaatti jijjiiruuf, misiyooinoonni dippilomaasii hariiroo diyaaspooraa waliin qaban akka cimsan ta’aa jira jedhaniiru.
Kunis diyaaspooraadhaaf carraa investimentii bal’aa fi cehumsa beekumsaa akka uumu eeraniiru.

Daayirektarri itti aanaan Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Obbo Mahaammad Raafii Abaaraayyaa gama isaaniitiin; Diyaaspooraan Afriikaa deeggarsa maallaqaa bira darbee investimentii, teeknoolojii fi ce’umsa beekumsaatiin guddina ardaawaa kan deeggaru michuu tarsiimawaa ta’eera jedhan.

Haa ta’u malee, dandeettii bal’aa kana guutummaatti fayyadamuuf hanqinni qindoomina imaammataa fi gufuun hojmaata dhaabbatummaa ammallee rakkoo ta’uu eeranii; mootummaan diyaaspooraa akka michuu misoomaa hangafaatti kan ilaalu adeemsa lammii irratti xiyyeeffate hordofaa jiraachuu ibsaniiru.

Diyaaspooraan Afriikaa misooma ardaawaa, investimentii fi cehumsa beekumsaa keessatti gahee olaanaa qaba; diyaaspooraan dandeettii qabu guutummaatti akka hin fayyadamneef hanqina odeeffannoo, qindoomina dhabuu fi gufuwwan hojmaataa maqsuun barbaachisaadha kan jedhan immoo Daayirektara Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itoophiyaa Ambaasaddar Fitsum Araggaati.

Itoophiyaa keessatti hojiiwwan jijjiiramaa gaggeeffamaa jiran diyaaspooraadhaaf carraawwan hariiroo haaraa uumaa jiraachuu eeranii; fooramichi warra imaammata baasan, damee dhuunfaa fi bakka bu’oota diyaaspooraa gidduutti walta’iinsa cimsuun guddina ardaawaaf gumaacha olaanaa akka gumaachu eeraniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment