Finfinnee, Hagayya 17, 2018(FMC)- Hirmaattonni walga’ii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Koree Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinneetti sosochii qaamaafi adeemsa miillaa gaggeessaa jiru.
Adeemsi miillaa kun mata-duree “Marii gara gochaa qabatamaatti” jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, kaayyoon isaa dhukkuboota hin daddarbine ittisuu fi akkaataa jireenyaa fayya qabeessa ta’e babal’isuu dha.
Sagantaa kana irratti Ministira Fayyaa, Dooktar Maqdas Dhaabaa dabalatee ministiroonni fayyaa biyyoota Afrikaa, hoggantoonni mootummaa olaanoon, hoggantoonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, akkasumas Pireezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Komandar Silashii Sihiin fi atileetotni beekamoon biroon hirmaataniiru.
Hoggantoonni damee fayyaa sosochii kana irratti hirmaachuun, sochiin qaamaa dhukkuboota hin daddarbine, kanneen akka dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa fi dhukkuba onnee ittisuu keessatti faayidaa guddaa akka qabu hojii irra oolmaa isaatiin agarsiisuuf kan kaayyeffate ta’uu TOI gabaaseera.
Walga’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Koree Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, tarsiimoowwan fayyaa Afrikaa fi kallattiiwwan hojii gara fuulduraa irratti marii gaggeessa.
#Oromia #Ethiopia