Itiyoophiyaan Marii Miseensummaa Dhaabbata Daldala Addunyaatiif Qophii Gaarii Taasifteetti — Adde Yaasmiin Wahaabrabbii

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan waltajjii marii garee hojii Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) marsaa 8ffaarratti miseensummaa dhaabbatichaa argachuuf marii gaggeessuuf jirtuuf haala gaariin qophaa’uu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasmiin Wahaabrabbii ibsan.

Mariin garee hojii Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) marsaa 8ffaan Onkoloolessa 30 irraa hanga Sadaasa 1, 2019tti Siwiizarlaand, Jeneevaatti ni gaggeeffama.

Marii kanaan Itiyoophiyaan miseensa dhaabbatichaa akka taatuuf qophiin garee marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a gamaaggamameera.

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Aadde Yaasmiin Wahaabrabbii, qophiin marii kanaaf taasifame sadarkaa gaarii irra akka jiru dubbataniiru.

itti dabaluunis, hooggantoonni fi miseensonni jila Itiyoophiyaa marii kanarratti qindoominaa fi waliigalteen marii gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru.

Gareen marii kun muuxannoo waltajjii marii garee hojii marsaa 7ffaa irraa argate bu’uura godhachuun marii marsaa 8ffaaf qophii gahaa taasisuun ibsameera.

Kunis adeemsa miseensummaa Itiyoophiyaa Dhaabbata Daldala Addunyaa keessatti xumuraaf dhihaachaa jiru saffisiisuuf gahee olaanaa akka qabaatu eerameera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment