Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC)- Akkaataa bu’uura Dambii Mana Maree Ministirootaatiin kan hundada’e Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay baatiiwwan jahan itti aanan keessatti akka raawwatuuf Itti gaafatamummaan kennameefira.
Haaluma kanaan;
👉 Rakkoo nageenyaa fi tasgabbii Naannoo Tigraayitti mudate saffiisaan furuuf haala tasgabbii uumuu.
👉 Caasaalee Mootummaa diigaman deebisanii ijaaruufi uummanni fayyadamaa tajaajiloota idilee akka ta’uuf haaloota miijeessuu.
👉 Sababa walitti bu’iinsaan bu’uuraalee misoomaa miidhaman suphuu fi saffiisaan hojiitti akka galan taasisuuf misooma sadarkaa biyyaatti mul’atan Naannoo Tigraayitti babbal’isuuf haaloota dandeessisan mijeessuu.
👉Kutaalee hawaasaa buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebisuu.
👉 Tajaajilootni hawaasaa Naannichatti addaan citanii turan akka itti fufan taasisuu.
👉 Haalli Siyaasaa tasgabbii qabu uuumamee, baatii jaha keessatti filannoon ifaa fi bilisaa akka gaggeeffamuufi qaama seera qabeessaa Mana Maree Federeeshinii akka taatuuf haala mijeessuu.
👉 Raayyaan Ittisaa Federaalaa, Poolisii fi dhaabbilee nageenyaa akkasumas qaamooleen nageenyaaTigraay waliin qindoomuun haalli tasgabbii akka jiraatu, hidhattoonni hiikkatanii gara hawaasaatti akka makamaniifi leenjii haaromsaa fudhachuun gara jireenya isaanii idileetti akka deebi’an haala mijeessuu, caasaa Nageenyaa Naannichaa akka haaraatti gurmeessuuf itti gaafatamummaa qaba.
👉 Nageenyi akka waara’u, xiinsammuun Uummataa akka sirratuufi hojiilee misoomaa fi deebisanii ijaaruu keessa galuuf qophiin barbaachisu akka taasifamu gochuu.
👉 Hojiilee Miidiyaa qindeessuu, Sadarkaa hundaatti waltajjii Uummataa qopheessuu.
👉 Filannoon fuulduraa nagaa fi hirmaachiisaa akka ta’uuf itti gaafatamummaa qaba.