Itiyoophiyaan Dura Teessuu Koree Hojii Raawwachiiftuu Komiishinii Olaanaa Baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii Ta’uun Filatamte

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan Dura Teessuu Koree Hojii Raawwachiiftuu 78ffaa Komishinii Olaanaa Dhimma Baqattootaa Mootummoota Gamtoomanii ta’uun filatamteetti.

Koreen Hojii Raawwachiiftuu 77ffaan walga’ii isaa kan waggaa Siwiizarlaand, Jeneevaatti gaggeessaa jira.

Walga’ii kana irratti Itiyoophiyaan dura teessuu Koree Hojii Raawwachiiftuu 78ffaa taatee filatamteetti.

Tajaajilli Baqattootaa fi Godaansaa Deebitootaa ibsa kenneen, Itiyoophiyaan baqattootaa fi namoota koolu galummaa gaafatan miliyoona 1.2 ol biyyoota garaagaraa irraa simattee keessummeessaa akka jirtu beeksiseera.

Itiyoophiyaan Dura Teessuu Koree Hojii Raawwachiiftuu Komishinichaa taatee filatamuun beekamtii seena qabeessa eegumsaafi kunuunsa baqattootaaf kutannoo qabdu calaqqisiisu ta’uunis ibsameera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment