Finfinnee, Onkolooleessa 6, 2019 (FMC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa biyya eeguun nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu qofa osoo hin taane, misooma biyyaatiif gahee adda duree qaba.
Biyyi jiraachuuf, bilisummaa fi kabajni ishee dhimma fedhii dhuunfaa fi faayidaa kamiyyuu caalaa dursa argachuu qabanidha.
Biyyi lafa irra jiraannu qofa osoo hin taane, bu’uura seenaa, aadaa, eenyummaa fi abdii egereeti.
Raayyaan Ittisa Biyyaa fedhii dhuunfaa caalaa nagaa ummata, tokkummaa fi jiraachuu biyyaa eeguuf faayidaa biyyaaleessaa mirkaneessuuf kutannoon kan dhaabbateef kanumaaf.
Kana mirkaneessuufis,seenaa biyya kanaa keessatti birmadummaa, bilisummaa, tokkummaa fi nageenya biyyaatiif aarsaa guddaa kaffaleera, kaffalaas jira.
Miseensonni Raayyichaa yeroo nagaa fi rakkoo, jireenya isaanii balaaf saaxiluun, maatii isaanii irraa fagaatanii haala rakkisaa keessatti cichoominaan dhaabbachuun biyya isaaniif eegduu jabaa fi amanamaa ta’aa jiru.
Aarsaan raayyaan kaffalu miidhaa qaamaa, lubbuu, yeroo fi jireenya maatii irraa fagaachuu qofa miti; itti gaafatamummaa ulfaataa fudhachuu, leenjii cimaa keessa darbuufi nageenya uummataa eeguu keessatti kutannoo agarsiisuus ni dabalata.
Seenaa Itiyoophiyaa keessatti gootummaan Raayayan Ittisa biyyaa bilisummaa fi birmadummaa biyyaaf galmeesse galmee guddaa qaba.
Dhaloonni har’aa bilisummaa fi kabaja biyya isaa akka hubatu, seenaa isaa akka kabajuufi nageenya waaraa ijaaruu keessatti gahee isaa akka bahatu taasiseera.
Raayyichi nageenyaa fi birmaddummaa biyyaa kabajchiisuu bira darbee ergama nageenyaa idil addunyaa keessattis adda durummaan ga’ee isaa ba’achaa jira, beekamtii fi badhaasa idil addunyaas itti argateera.
Gama biraatiin nageenya pirojeektota misoomaa gurguddoo kabjchiisuu fi hojiin isaanii milkaa’inaan akka xumuramu gochuu bira darbee, hawaasa waliin sagantaalee misooma biyyaa keessatti kallattiin hirmaachuun wabii misoomaa ta’uu isaas qabatamaan mirkaneessaa jira.
Kanaafis Hidhi Haaromsaa Guddichi jalqaba irraa eegalee doorsisa diinota seenaan irratti aggaamamu dandamatee milkiin akka xumuramuun, akkasumas pirojeektonni biroo ijaaramaa jiranii fi milkaa’inaan xumuraman ragaa dha.
Har’as raayyichi diinota seenaa biyyattii kanneen ta’aniif ergamanii biyyattii diiguu fi miosooma ishee gufachiisuuf qaamolee jeequmsaa fi waraana aggaaman qaanessee deebisuun wabii nageenyaa fi misoomaa biyyattii ta’uu isaa qabatamaan mirkaneessaa jira.
Gootummaan isaa addunyaa irratti ragaa ba’amaafii jiru kunis tekinooloojii ammayyaa fi deggersa uummataan dabaalamee jabaatee itti fufa.
Tsahaay Gulummaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa