Mootummaan Federaalaa murtoo Naannoo Tigraay waaressu murteesse

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2019 (FMC) – Mootummaan Federaalaa Bulchiinsa Imaanaa Mootummaa Federaalaa naannoo Tigraay hundeessera.

Manni Maree Federeeshinii akkaataa heera mootummaa Keeyyata 69 muraa (9) fi Labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14 muraa 2 B’n bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay akka hundaa’u murtoo dabarsee fi bu’uura aangoo Mana Maree Ministirootaaf kennameen mootumman Federaalaa murtoo Naannoo Tigraay waaressu murteesseera.

Nageenyi ummata Tigraay akka waaromu, ummanni naannichaa mirga ofiin of bulchii akka mirkaneeffatu, akkasuma misooma waggoota dheeraaf irraa fagaatee ture argachuu akka danda’u maraammartoo walitti bu’iinsaa keessaa bahuu qaba.

Kanaaf ammoo Mana Maree Federeeshinii keessatti bakka bu’iinsa maluuf argachuun nageenyi isaa kabajamuu, misoomaaf xiyyeeffannoo kennuu fi ummattoota Itiyoophiyaa biroo waliin tokkummaa sabdaneessaan cimee jiraachuu qaba.

Haalonni kunneen yeroo gabaabaa keessatti mijachuu akka danda’an bulchiinsa imaanaa Mootummaa Federaalaa naannoo Tigraay akkaataa dambii Mana Maree Ministirootaan hundeessera.

Bulchiinsi imaanaa Mootummaa Federaalaa kun naannoo Tigraay baatiwwan 6 itti aananiif kan bulchu ta’a.

Hojiileen Ijoo Bulchiinsa Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraayi:-

👉 Rakkoo nageenyaa fi tasgabbii Naannoo Tigraayitti mudate saffiisaan furuufi haala tasgabbii uumuu.

👉 Caasaalee Mootummaa diigaman deebisanii ijaaruufi uummanni fayyadamaa tajaajiloota idilee akka ta’uuf haaloota miijeessuu.

👉 Sababa walitti bu’iinsaan bu’uuraalee misoomaa miidhaman suphuu fi saffiisaan hojiitti akka galan taasisuuf misooma sadarkaa biyyaatti mul’atan Naannoo Tigraayitti babbal’isuuf haaloota dandeessisan mijeessuu.

👉Kutaalee hawaasaa buqqa’an gara qe’ee isaaniitti deebisuu.

👉 Tajaajilootni hawaasaa Naannichatti addaan citanii turan akka itti fufan taasisuu.

👉 Haalli Siyaasaa tasgabbii qabu uuumamee, baatii jaha keessatti filannoon ifaa fi bilisaa akka gaggeeffamuufi qaama seera qabeessaa Mana Maree Federeeshinii akka taatuuf haala mijeessuu.

👉 Raayyaan Ittisaa Federaalaa, Poolisii fi dhaabbilee nageenyaa akkasumas qaamooleen nageenyaaTigraay waliin qindoomuun haalli tasgabbii akka jiraatu, hidhattoonni hiikkatanii gara hawaasaatti akka makamaniifi leenjii haaromsaa fudhachuun gara jireenya isaanii idileetti akka deebi’an haala mijeessuu, caasaa Nageenyaa Naannichaa akka haaraatti gurmeessuu

👉 Nageenyi akka waara’u, xiinsammuun Uummataa akka sirratuufi hojiilee misoomaa fi deebisanii ijaaruu keessa galuuf qophiin barbaachisu akka taasifamu gochuu.

👉 Hojiilee Miidiyaa qindeessuu, Sadarkaa hundaatti waltajjii Uummataa qopheessuu.

👉 Filannoon fuulduraa nagaa fi hirmaachiisaa akka ta’uuf itti gaafatamummaa qaba.

Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay:-

Hojiileen raawwatu hunda keessatti faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa, tokkummaa bulchiinsa Itiyoophiyaa fi faayidaa bu’uuraa uummata Tigraay bu’uura godhachuu qaba.

Hanga mootummaa uummataan filatame hundeeffamutti, tajaajiloota guyyaa guyyaa naannichaa dhiyeessuu fi haala filannoo itti aanuuf mijataa ta’e uumuu bira darbee, dhimmoota hiika tarsiimoo yeroo dheeraa qaban irratti tarkaanfii hin fudhatu.

Hojiin isaa kallattii fi qajeelfama mootummaa Federaalaa bu’uura kan godhatu ta’a.

Bulchiinsa Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraayiif raawwachiftoonni muudaman

Raawwachiiftoonni kunneenis:-

1.Obbo Asaffaa Abrahaa Hagos – Raawwachiisaa olaanaa Bulchiinsaa fi Tajaajila Ummataa,

  1. ⁠Dooktar Teediroos Aragaay Waldasillaasee  – Raawwachiisaa olaanaa dhimmoota diinagdee fi deebisaanii ijaaruu,
  2. ⁠Birgaader Jeneraal Gabra’igzaaber Bayyanaa Hayiluu –Raawwachiisaa Olaanaa Nagaa fi Tasgabbii,

4.Obbo Radaa’ii Hallafoom Waldasillaasee – Raawwachiisaa Olaanaa Siyaasaa fi Gurmaa’iinsa Ummaataa,

5.Dooktar Shishaay Amaaraa – Kantiibaa Magaalaa Maqalee ta’uun Muudamaniiru.

Hojiilee raawwataman hundaaf Mootummaan Federaalaa qaleelfama, kallattii, deeggarsaa fi Hordofii ni taasisa.

 

Comments (0)
Add Comment