Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC) – Gosoota kuduraa hawaasa keenya biratti akka waan faayidaa guddaa hin qabneetti ilaalamaa turan kessaa hundeen diimaa isa tokko.
Yeroo baay’ee, ”Hundee diimaan maal fayyada, garaama guuttachuuf malee,” yeroo jedhamu dhaga’uun waanuma baratame.
Amma amma garuu dubbiin garagalchoo ta’eera; Qorannoowwan sirna nyaataa hedduun akka gati-maleessaatti ilaalamaa kan ture hundeen diimaa faayidaa hedduu akka qabu mul’isaa jiru.
Odeeffannoowwan maddeen adda addaa akka mul’isanitti, hundeen diimaa niwutireentota fayyummaa qaamaaf barbaachisoo ta’an hedduu of kessaa qabuun gosoota kuduraalee baay’ee barbaachisoo ta’an keessatti ramadameera.
Qabiyyeewwan akka naayitreetii uumamaa, faayibera, foleetii fi maanganiizii hedduu of keessaa waan qabuuf yeroo baay’ee akka “superfood” (nyaata humna addaa qabu) tti ilaalama.
Keessumaa dhiibbaa dhiigaa hir’isuun fayyaa onnee fooyyessuuf, akkasumas dandeettii ispoortii dabaluuf gahee guddaa qaba.
👉 Faayidaawwan inni Fayyaaf qabu keessaa ijoon
* Fayyummaa Onnee fi Dhiibbaa Dhiigaa: Naayitreetiin uumamaa keessatti argamu dhiibbaa dhiigaa hir’isuun yaa’insa dhiigaa fooyyessuuf gargaara.
* Humna Ispoortii: Juusiin hundee diimaa tishuuwwan maashaalee keenyaaf oksijiinii gahaa akka argatan gochuun namni tokko yeroo dorgommii ispoortii akka hin dadhabneef gargaara.
* Fayyaa Sammuu: Sammuudhaaf (keessumaa kuta fuulduraaf) yaa’insa dhiigaa gaarii uumuun dandeettii yaaduu fi hubannoo fooyyessa.
* Gargaarsa Tiruu: Hundeen diimaa qabiyyee “betaine” jedhamuun badhaadhaa waan ta’eef, tiruun keenya summii akka baasuuf gargaara.
👉 Akkaataa Itti Fayyadama Isaa
Hundeen diimaa karaa adda addaa dhimma itti ba’uun ni danda’ama:
Dheedhiitti: Salaxaa keessatti qaqallisanii murmuruun ykn haphisanii murmuruun(slices) godhanii nyaachun ni danda’ama.
* Waaaddii(Roasted): fooyilii keessatti maranii waddanii, fittaa ykn walnut waliin salaxaa keessatti fayyadamuun ni danda’ama.
* Cuunfaa(Juusii): Faayidaa fayyaa guddaa argachuuf juusii godhatanii dhuguun mala beekamaadha.
* Baala Isaa: Baala hundee diimaa akka salaxaatti fayyadamuun ni danda’ama.
👉 Qabiyyee Nyaataa
* Foleetii (Viitaaminii B9): Guddina seelii keessatti murteessaadha.
* Mangaanizii: Fayyaa lafee fi guddina qaamaaf barbaachisaadha.
* Pootaasiyeemii: Hojii onnee fi maashaaleef ni gargaara.
* Aayiranii (Iron): Seelii dhiiga diimaa ijaaruuf gargaara.
Hundee diimaa akkaataa kanaan nyaata keessatti fayyadamuun fayyaa keenyaaf jijjiirama guddaa fiduu danda’a.
Yoonaataan Biraanuutiin
#Oromia #Ethiopia