Hundeeffama Mootummaa Haaraa; Boqonnaa Haaraa Imala Misoomaa Ceesisu

Finfinnee, Fulbaana 25, 2019(FMC) – Har’a mootummaa waggoota shanan itti aananiif biyya bulchutu ijaarama.

Mootummaa boqonnaa haaraa ijaarsa biyyaa oogganu.

Boqonnaa biyya ijaaruu haaraa, kan kanan duraa irraa addaa.

Biyya ijaaruu gaaffii bu’uuraalee misoomaa deebisuu, pirojektoota hogganuu fi guddina diinagdee galmeessuu …

Kana qofa miti.

Lammiileen seeraan kan eegaman, haqaan kan amanan, nagaan kan jiraatan, akkasumas abdii waloo irratti hundaa’uun carraa isaanii gara fuulduraa kan ijaarratan, mootummaa cimaa haaraa ijaaramuu fi itti gaafatama ijaarsa biyyaa fudhatu kanaan.

Hundeeffamni mootummaa haaraa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtu kunis ce’umsa aangoo qofa osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuu fi ijaarsa biyyaa cimsuu, biyyattii gara Itiyoophiyaa boruu foiyyoftuu taateetti ceesisuuf carraa haaraa fi ittigaafatama seenaa qabatee kan dhufuu dha.

Keessattuu, hojiiwwan waggoota jijjiiramaa keessatti gama diinagdee, bu’uuraalee misoomaa, qonna, indaastirii oomishaa, tajaajila dijiitaalaa fi misooma magaalaan hojjetaman fi boqonnaa dippiloomaasii haaraa biyyattiin itti jirtu itti fufsiisuu fi bu’aa caalu galmeessuun hoji manee mootummaa haaraa har’a hundeeffamuu ti.

Walummaa gala fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun biyya itti fufsiisuun, olkaa’iinsa ishee dhugoomsuun tarree biyyoota guddatanii keessatti ramadchiisuuf hojjechuun hojii seena qabeessa mootummaa haaraa ijaaramu kana irraa eegamu.

Filannoo waliigalaa 7ffaan bakka bu’ummaa eeyyama uummataan argame gara hundeeffama mootummaaatti ceesisuun fedhii ummataa guutuunis adeemsa heera mootummaa Chaartera lammiileen hogganamee raawwatamuudha.

Itiyoophiyaan mootummaa isheef hojjetu ijaarrattee har’a gara boqonnaa haaraatti ni ceeti, imala olka’iinsaa ishees itti fufti.

Goomattoonni ishees leeyyoo uffatanii, utuma isaan ilaalanii tulluu ulfinaatti ol baatee ni mul’atti.

Kun waan hin oolle.

Tumsi abbootii hojichaa, jechuun qooda fudhannaan lammiilee, guyyaa guyyaan, tokkoo tokkoo raawwii boqonnichaa keessatti murteessaa dha; bu’aa gaarii eegaa harka maratanii ilaaluun waan hindanda’amneef!

Guyyaa gaarii fi milkaa’aa, bara hojii gaarii qabaadhaa.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa

Comments (0)
Add Comment