Finfinnee, Caamsaa 1, 2018 (FMC)- Hundeeffamni Biiroo Barnootaa Oromiyaa Waggaa 33ffaan Bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Argamanitti kabajamaa jira.
Saganticharratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa dabalatee Ministirrri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa fi Hoggantoonni Olaanoo Naannoo fi Federaalaa biroon argamaniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa Bara 1985 afaan dhalootaan barsiisuuf hojii kan eegale yoo ta’u , afaan Oromoo Afaan barnoota sadarkaa barnoota olaanootti akka ol guddatuuf hojiileen hojjetaman hanga bu’aa argamasiisaniiru.
Biiroon barnoota Oromiyaa yeroo hundaa’utti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa kum 3 fi 929 ture.
Yeroo ammaa garuu barnoota dhaqqabamaa taasisuuf xiyyeeffannaa kennameen Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu dabalatee manneen barnootaa kuma 38 fi 200 ol irraa gahuu danda’eera.
Babal’achuu manneen barnootaa kanaan lammiileen miiliyoonni 12.4 carraa barnootaa akka argataniiru.
Barattoonni Naannoo Oromiyaa keessaa bahan sadarkaa biyyaafi addunyaatti dorgomaa akka ta’an taasifamee jira.
Baayiluu Baaneetu gabaase.