Jilli Mootummoota Gamtoomanii Abbootii Amantaa naannoo Tigraay waliin mari’ate

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Jilli Mootummoota Gamtoomanii fi Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa Abbootii Amantaa naannoo Tigraay waliin magaalaa Maqaleetti mari’ateera.

Jilichi marii Hojii Raawwachiiftoota Olaanoo bulchiinsa Imaanichaa, Kantiibaa Magaalaa Maqalee fi hoggantoonni olaanoon biroo waliin erga taasisee booda abbootii amantii naannichaa haala waliigalaa naannoo Tigraayi ilaalchisaa mari’ateera.

Daawwannaa har’aa eegalee guyyoota lamaaf naannichatti gaggeeffamuun jilichi abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka buutoota dhaabbilee hawaasa siiviilii waliin ni mari’atuun eegama.

Kaayyoon daawwannichiis haala qabatamaa naannichaa ilaalchisee kutaalee hawaasaa naannichaa waliin mari’achuun hubachuuf ta’uutu eerame.

Comments (0)
Add Comment