Ifa dhalootaa, faajjii tokkummaa…

Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa siidaa bu’aa tokkummaa, dandamannaafi cichoomina Itiyoophiyaanotaati.

Biyyoota yaa’a gadii laga Abbayyaa osoo hin miidhin, Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa faayidaa waloo irratti hundaa’uun itti fayyadamuu fi Waliigaltee Hammattoo Tumsa Yaa’a Naayil mirkaneessedha.

Injifannoo waraana Adwaatti aanee Piroojektii guddaa seenaa tokkummaa Ummattoota Itiyoophiyaa mul’ise seensa bara olka’iinsaati.

Humna siidaa ‘tuffii’ diinni nurratti ijaare diigee, faajjii ‘Adwaa lammeessoo’ dhaloota kanaa ta’uun addunyaa fuldura bara baraan jiraatudha.

Deeggarsaa fi liqii tokkomalee murannoo Itiyoophiyaanotaafi tattaaffii walootiin kan ijaarame pirojektii waloo ummata Itiyoophiyaati.

Waggoota hedduuf hawwii qofaa kan ture dhimmi Laga Abbayyaa misooma biyyaaf olchuu Bitootessa 24 bara 2003 dhakaa bu’uraa kaa’ameen abjuun barootaaf ture gara hojiitti jijjiiramuun seenaa haaraan jalqabame.

Lammiileen biyya keessaafi ala humna, beekumsaafi qabeenya isaanii sassannaa tokko malee gummaachaniiru.

Itiyoophiyaan Wiirtuu Quubsuma siyaasaa naannichaa ta’uun laga Abbayyaa fi Galaana Diimaa wajjin walitti hidhata cimaa qabdi.

Qaamoleen bishaanii gurguddoon lamaan kunneen guddina dinagdee, wabii nageenyaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa keessatti gahee murteessaa qabu.

Akkuma lagni Abbayyaa madda misoomaa, qabeenyaa fi itti fufiinsa Itiyoophiyaa ta’e, karri galaanaas guddina dinagdee, nageenya biyyaalessaa fi dhiibbaa qubsuma siyaasaa cimsuuf bu’uura kan ta’uudha.

Hidhi Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fayyadamummaa qabeenya bishaanii biyyattii mirkaneesseera.

Hidhi kun humna ibsaa maddisiisuun guddina dinagdee Itiyoophiyaa deeggaruu qofa osoo hin taane, biyyoota ollaa gidduutti walitti hidhamiinsa humna ibsaa uumuun gahee olaanaa taphachaa jira.

Itiyoophiyaan karaa haqa qabeessaa fi madaalawaan fayyadamuu fi misoomsuun mirga qabeenya bishaanii ishee fayyadamuu mirkaneeffachaa jirti.

Humna mataasheen Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa ijaaruun, misoomawwan hin yaalamne gurguddoo raawwachuun yeroo yerootti gara sadarkaa olaanaatti ce’aa jirti.

Itiyoophiyaan yeroo ammaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaatti elektirika gurguraa kan jirtu yoo ta’u, Taanzaaniyaa fi biyyoota Baha Afrikaa birootti sararoota dabarsa humna elektirikaa diriirsuun gurgurtaa jalqabuuf waliigalteewwan taasifaman hojiirra oolaa jiru. Kunis Itiyoophiyaa giddugala anniisaa naannawichaa akka taatu taasisa.

Pirojeektoonni Itiyoophiyaan ijaaraa jirtu kun faayidaan isaanii Itiyoophiyaaf qofa miti. Naannichaafis dhiyeessii humnaa dhaqqabamaa taasisuufi waliin misoomuuf carraa bal’aa uumu.

Piroojektii Mana miiliyoonotaa gara ifaatti jijjiireedha.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa Humna Elektirikaa qofa osoo hin taane bakka ga’umsa Turistootaa fi madda oomisha Qurxummiis ta’eera.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment