Finfinnee, Ebla 28, 2018 (FMC) – Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa cimsuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Ittigaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasiifi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.
Obbo Adam Faaraa naannoo Somaaleetti hojiilee misoomaa hojjetaman kan daawwatan yoo ta’u, pirojektoota xumuraman eebbisuufi pirojektoota haaraa ijaaramaniif dhagaa bu’uuraa kaa’uu ibsaniiru.
Naannoon Somaalee imala guddina ariifachiisaarratti akka argamu eeruun, dameewwan hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan bu’aawwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan galmaa’aa jiru jedhan.
Naannicha godina Siitii aanaa Shinleetti qindoomina mootummaa federaalaafi naannichaan akkasumas abbootii qabeenyaa dhuunfaan hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Dameewwan invastimantii albuudaafi carraa hojii uumuun bu’aa qabatamaan galmaa’aa jirus jedhan.
Akka fakkeenyaatti Warshaan Giraanaayitii Giruuppi Waabii carraa hojii uumuurra darbee bu’aalee giraanaayitii oomishuun oomishaalee alaa galan bakka buusuu akka danda’e ibsaniiru.
Dabalataanis warshaan ooksijiinii Hospitaala Waliigalaa Shinlee keessatti ijaarame galteewwan oksijiinii Hospitaalota Shinlee, Ayishaa, Biikii fi buufataalee fayyaa godinicha keessatti argamaniif dhiyeessuu akka danda’u kaasaniiru.
Daawwannaa isaaniin daandii aspaaltii Dirre Dhawaa- Shinlee kan eebbisan yoo ta’u ijaarsa daandii magaalaa Marmarsaa gara daandii Jibuutiitti geessuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.
Hojiilee misoomaa eegalaman daran cimsuuf kutannoon hojjechuu itti fufnas jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia