Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Ijipti Hidha Haaromsaa ilaalchisee himannaa bu’uura hin qabne dhiyeessurra akkaataa hammattoo waloon mari’achuutu ishee fayyada jedhan Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaan.
Dooktar Habtaamuu Ittafaan himannaa sobaa Ijipti dhiyeessitu ilaalchisee deebii kennaniiru.
Hidhaan Haaromsaa kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane qabeenya Afrikaanota hundaa ta’uu eeruun, Injifannoo Adwaatti aanee Piroojektii mallattoo tokkummaa fi walta’iinsaa ta’aeedha jedhan.
Afrikaanonni hidhichi xumuramuutti gammadoo ta’uu kaasuun, haa ta’uutii Ijipti ijaarsi isaa eegalamee hanga xumuramutti himannaa hedduu dhiyeessaa jiraachuu dubbatan.
Hidhichi Ijiptii fi biyyoota yaa’ichaaf sodaa osoo hin taane kennaa ta’uu himan.
Piroojketii balaa lolaa Ijiptii fi Sudaan irra deddeebiin mudataa ture hambise ta’uu ibsan.
Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee misoomsuu fi itti fayyadamuu mirga guutuu qabdi jedhan.
Kanaaf humnoota imala badhaadhinaa ishee gufachiisuuf faallaa dhaabataniif iddoo kan hin qabne ta’uu hubachiisan.
Miikiyaas Ayyalaatiin
#Oromia #Ethiopia