Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) ta’uuf marii taasisaa jirtu milkaa’inaan xumuruuf fooyya’iinsa hedduu fi hojiiwwan marii garaagaraa geggeessaa jirti.
Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Goofee akka ibsanitti, mariin miseensummaa Itiyoophiyaa waggoota 23 ol fudhate, bara 2026 keessa akka xumuruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Itiyoophiyaan adeemsa miseensummaa ishee ilaalchisee biyyoota garaagaraa waliin marii taasisaa turte. Har’as garee marii mootummaa Yunaayitid Kiingdam waliin carraa gabaa miseensummaa irratti mariin biyyoota lamaanii Finfinneetti eegaleera.
Mariicha irratti adeemsa kana keessatti hojiiwwan ijoo hojjetaman ilaalchisee miseensota garee mariichaaf ibsi kennamuun ibsameera.
Dooktar Kaasaahun yeroo kanatti tumsa itti fufiinsa qabu Yuunaayitid Kiingdam adeemsa miseensummaa Itiyoophiyaa irratti taasisaa jirtuuf galateeffataniiru.
Itiyoophiyaan, dhiyeessiin gabaa ijaarsaa fi furmaata irratti xiyyeeffate fi fedhii misoomaa isheen walgitu gaafachaa turuun ibsameera. Hanga ammaattis biyyoota 11 waliin marii xumurteetti.
Waltajjiin kun guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, mariin Yunaayitid Kiingdam waliin taasifamu waliigaltee ifatti mallatteessuu kan dandeessisu bu’aa gaarii akka argamsiisu abdatama.
Kunis adeemsa Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf geggeessaa jirtu daran akka saffisiisu odeeffannoon ministeerichaa ni mul’isa.