Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Komiishiniin Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa Faanaa Dijiitaliif ergeen Marii Biyyaalessaa biyyattii keessatti boqaoonnaa haaraa bane geggeessuuf adeemasa hanga ammatti dabarse ibseera.
Ergaan isaa guutuunis akka itti aanutti dhiyaateera:
“Itiyoophiyaanonni bara dheeraaf garaagarummaa yaadaa mariidhaan deebisuu irra filannoowwan humnaatti fayyadamaa turre. Filannoowwan kunniin dhimmoota biyyaalessaa irratti walii galtee dhabamsiisuun fi walitti bu’iinsa hammeessuun miidhaa dinagdee fi namummaa guddaa akka geessisan galmeewwan seenaa raga ba’u.
Dhaloonni ammaa miidhaa filannoo humnaa dhalootatti ce’e kana hubachuun biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti rakkoolee baroota dheeraa lakkoofsisaniif furmaatni akka barbaachisu amanuudhaan, yaada marii biyyaalessaa suuta suutaan gabbisuun gara sadarkaa hojiitti ceesiseera. Dhalootni kun yaada irraa gara dhaabbataatti ceesiseera.
Yaada Irraa Gara Dhaabbataatti
Itiyoophiyaa keessatti mariin biyyaalessaa akka gaggeeffamu fedhiin kan dhufe ka’umsa tokko qofa irraa miti. Paartileen siyaasaa, dhaabbileen siivikii, yaa’iin jaarsolii biyyaa fi qaamoleen qooda fudhattootaa biroon marsaa yaada walii galtee dhabamuu biyya keessatti mul’atu mariidhaan furaniif madaalliin akka mijeeffamu yeroo dheeraaf gaafachaa turaniiru. Kana malees qaamoleen kunniin muuxannoo marii biyyaalessaa biyyoota biroo irraa barachuudhaan, mariin gara walii galteetti geessuu akka daandii bu’a qabeessa ta’etti hubachuun mootummaan tarkaanfii akka fudhatu jajjabeessaniiru; gaafataniirus.
Adeemsi kun keessattuu baatii Muddee bara 2014 keessa biyyattii keessatti bu’uura marii kaa’uun tarkaanfii tokko fuulduratti tarkaanfate. Yaa’iin Bakka Bu’oota Uummataa R.D.F.I Labsii Lakkoorsa 1265/2014n Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundaessuun adeemsa marii biyyaalessaa akka geggeesuu fi fi akka qindeessu itti gaafatamummaa kenneef.
Hundeeffamni komishinichaa mataan isaa hirmaannaa uummataa giddu-galeessa kan godhate ture. Yaada uummata irraa dhihaate irratti hundaa’uudhaan kaadhimamtoonni 632 komishinarummaaf eeramanii, 42 kaadhimamummaan erga fo’amanii booda, dhuma irratti komishinaroonni 11 filatamanii dhaabbaticha akka geggeessaniif kakuu raawwatan.
Bu’uura Adeemsichaa Kaa’uu
Hojiin jalqabaa komishinichaa namoota kumaatamaan lakka’aman galma tokkotti walitti qabuu hin turre. Kana caalaa, adeemsi marii sun hiika akka qabaatuuf haala miijessuu ture. Kaanneen malees komishinichi hojii jalqabaa isatiin dhimmoota biyyaalessaa bu’uuraa ta’an irratti sababa walii galteen dhabamueef adda baasuuf, eenyu fa’i hirmaachuu akka qaban murteessuuf fi Itiyoophiyaanonni dhimmoota mariif ta’an gumaachuun akka danda’an tarsiimoo qopheesse.
Adeemsa kanaan sadarkaa aanaatti miseensota hawaasaa irraa eegalee hanga hoggantoota siyaasaa fi yaadaa, dhaabbilee mootummaa, waldaalee fi Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraatan of keessatti qabateen qaamolee qooda fudhattoota bal’aa adda baase.
Naannoolee/ Bulchiinsa Magaalotaa keessatti adeemsi ajandaa walitti qabuu daangaa siyaasaa fi dhaabbilee akka darbu ta’ee kan wixiname ture.
Bakka bu’oota qonnaan bulaa/ horsiise bulaa, hawaasa daldalaa, dubartoota, dargaggoota, afooshaalee, hoggantoota hawaasaa, hojjettoota mootummaa, barsiisota, aadaa fi hojii isaaniitiin kan qoodaman fi kan buqqa’an naannoo fi sadarkaa bulchiinsa magaalotaatti hirmaattota adeemsichaa ta’aniiru. Paartileen siyaasaa, bakka bu’oonni mootummaa, dhaabbileen fi namoonni beekamoon akka qooda fudhattoota ijootti hirmaataniiru.
Sadarkaa federaalaatti gareewwan qooda fudhattootaa 38 adeemsa ajandaa walitti qabuu keessatti hirmaannaa ho’aa taasisaniiru. Adeemsa kanaan keessattuu dhaabbilee amantaa, dhaabbilee dimokiraasii, paartileen siyaasaa, dhaabbilee siivikii, qaamolee mootummaa, waldaalee biyyaalessaa, namoota dhibbaa uuman fi dhaabbilee midiyaa kan bakka bu’an hirmaataniiru.
Gama biraatiin komishinichi Itiyoophiyaanota fi dhaloota Itiyoophiyaa Afrikaa, Ameerikaa Kaabaa, Baha Giddu-galeessaa fi Awurooppaa keessa jiraatan irraa ajandaa walitti qabeera.
Ajandaa Biyyaalessaa Qopheessuu
Hojini ajandaa walitti qabuu akkuma xumurameen komishinichi ajandawwan walitti qabe qopheessuu fi adeemsa mariitiif miijessuu eegale. Kana hordofuudhaan wixinee ajandawwanii dhaabbilee amantaaf, dhaabbilee siivikiif, paartilee siyaasaaf, qaamolee mootummaaf, beektotaaf fi qooda fudhattoota birootiif akka galtee kennaniif dhihaatanii qaamoleen hundi qooda isaanii gumaachaniiru. Adeemsi kun ajandawwan marii qopha’an qulqulleessuu qofa osoo hin taane, qooda fudhattoonni yaada isaanii adeemsichaan calaqqisuu isaanii mirkaneessuudhaan dhimmoota gara walii galtee biyyaalessaatti geessuu danda’an irratti gumaacha akka taasisan carraa kenneera.
Itiyoophiyaanota Gara Waltajjii Mariitti Walitti Qabuu
Miseensoti hawaasaa aanaalee hundumaa, qooda fudhattooti naannoo fi bulchiinsota magaalotaa , qooda fudhattooti federaalaa fi diyaspooraa irraa dhufan hirmaattota Itiyoophiyaanota 4,000 wajjin mari’achuuf walitti qabaman.
Hirmaattonni kunniin komishinichi kanaan dura kan ajandawwan irraa walitti qabe fi qooda fudhattoota filataman ykn bakka bu’an sadarkaa biyyaalessaatti kan bakka bu’an, adeemsa marii kanaan duraan haala walitti madaqeen kan walitti qabaman turan.
Kaayyoon Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni dhimmoota biyyaalessaa bu’uuraa irratti kan mari’atan, walii galtee fooyya’aa kan gabbiffatan, kallattiiwwan walii galtee bira gahamu adda kan baafatan madaallii uumuu ture. Walumaagalatti adeemsichi marii dhagaa golee furmaata walii galtee dhabuu gochuuf yaaluu ture.
Yaadota Marii Giddu-galeessa Godhatan
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8, 2018 ifatti kan jalqabame yoo ta’u adeemsichi hirmaattota marii 4,000 biyya keessaa fi addunyaa hundumaa irraa walitti qabuu danda’eera.
Yaa’ii Marii Biyyaalessaa irratti ajandawwan biyyaalessaa 8 kan mariin irratti taasifamu adda kan ba’an yoo ta’u, gareewwan mari’attootaa miseensota 500 qaban tokkoon tokkoon ajandaa irratti mari’achaa turan.
Tarsiimoon yaa’iin kun ittiin geggeeffamus hirmaattonni dubbachuu, dhaggeeffachuu fi qabxiilee walii galtee adda baafachuu akka danda’an kan dandeessisu ture. Kana malees adeemsi marii gareewwan xixiqqoo miseensota 10 qaban irraa jalqabee, gara gareewwan miseensota 50 qabaniitti, itti fufuudhaanis gara gareewwan tarsiimoo miseensota 250 qabaniitti guddateera.
Adeemsa mariitiin yaada-deeggarsaa dhihaatan karaalee oliin ibsamaniin mariin irratti taasifamee erga qulqullaa’anii booda yaadoonni-deeggarsaa walitti qabaman garee mari’attootaa ajandaa miseensota 500 qabuuf dhihaatanii mirkanaa’aniiru.
Tokkoon tokkoo garee mari’ataa yaadawan furmaataa ajandawwan garaagaraa gidduutti dhihaatan wal-simsiisuuf bakka bu’oota 15 filateera.
Haaluma kanaan walumaagalatti qindeessitoonni yaada-furmataa 120 ta’an filatamanii hojii isaanii haalaan raawwataniiru. Kaayyoon adeemsa yaadawwan-furmaataa wal-simsiisuu inni ijoon gareewwan mari’attoota garaagaraa keessatti yaadoonni ka’an akka wal hinfaallessinee fi irra-deddeebiin hin barbaachisne akka hin jiraanne yaadamee ti.
Yaa’iin kun bu’a qabeessa akka ta’uuf ogeessonni dameelee garaagaraatiin deeggarsa ogummaa kennan jiraachuun dagatamuu hin qabu. Gareen ogeessotaa 80 hirmaattotaaf mata duree ajandawwanii irratti ibsa kenneera; kunis hirmaattonni marii odeeffannoo giddu-galeessa godhate akka geggeessan shoora ol’aanaa taphateera.
Kana malees mariisistoonni 160 ta’an adeemsa marii kan dursan yoo ta’u, qopheessitoonni qaboo yaa’ii 158 yaadawwan furmaataa tokkoo tokkoo adeemsa marii keessa turan galmeessuudhaan bu’a qabeessa adeemsichaaf itti gaafatamummaa guddaa bahataniiru.
Marii Biyyaalessaa Walii Galtee Irra Darbe
Faayidaan Yaa’ii Marii Biyyaalessaa yaada-furmaataa walii galuun qopheessuu qofa hin turre. Kana malees haala namoonni muuxannoo, fedhii fi ejjeennoo siyaasaa garaagaraa qaban kallattiidhaan waliin iiti haasa’an uumuus ture.
Haalli kun aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti ce’umsa guddaa agarsiisa፦ Kaayyoon adeemsichaas yaada boodatti hafaa “Eenyu mo’ate, eenyu mo’ame?” jedhu irraa gara gaaffii “Maal irratti walii galuu dandeenya? Garagarummaa akkamii keessummeessuu dandeenya? fi Tokkummaadhaan abdi haaraa akkamiin ijaaruu dandeenya?” jedhutti ce’uu dha.
Sirna Cufiinsaa
Hagayya 16, 2018 sirna cufiinsaa Yaa’ii Marii Biyyaalessaa geggeeffame irratti Pirezidaantii R.D. F.I Taayye Atsqa-Sillaasee dabalatee keessummoonni kabajaa biyya keessaa fi biyya alaa waamichi godhameef argamanii dhaamsa garaagaraa dabarsaniiru. Haala kanaan Pirezidaant Taayyeen mariin biyyaalessaa tokkummaa kan cimsu boqonnaa seenaa guddaa ta’uu isaa ibsaniiru.
Gama biraatiin keessummaa kabajaa ta’anii kan argaman Pirezidaantiin duraanii Keeniyaa Uhuuru Keeniyaattaa, fedhii bakka bu’oonni qooda fudhattoota garaagaraa irraa dhufan walii galuuf agarsiisan dinqisiifatanii kunis jiraattonni dhimmoota isaanii irratti haasa’uuf fedha yoo qabaatan caalaatti bu’aa qabeessa akka ta’u ta’uu akka argisiisu yaadachiisaniiru.
Komishinarri olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ar’aayaa mariin rakkoolee biyyattii furuuf daandii humna qabu ta’uu eeranii, rakkoon akkamiiyyuu Itiyoophiyaan mariidhaan furuu hin dandeenye akka hin jirre cimsanii dubbataniiru. Dabalataanis filannoo humnaatiin qaamni mo’atu akka hin jirre ibsanii mariin hunda akka mo’achiisu eeraniiru.
Itti Aantuun Komishinara Olaanaa Hirut Gabrasillaasee gama isaaniitiin xumuramuun Marii Biyyaalessaa seenaa siayaasaa fi hawaasummaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa guddaa ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis Itiyoophiyaanonni komii, garaagarummaa siyaasaa fi qoodama seenaa bara dheeraa lakkoofsise walitti bu’iinsa irra mariidhaan akka furaniif carraa kan uume ta’uu ibsaniiru.
Daandii Keenya Kan Boruu
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa taateewwan yeroo tokkoo irra kaayyowwan gurguddaa baroota ce’an qaba. Adeemsa kanaan bu’aawwan eegaman dhimmoota biyyaalessaa bu’uuraa irratti walii galtee uumuu, tokkummaa biyyaalessaa fi hidhata hawaasummaa cimsuu, yaadaa furmaataa uummanni kan isaa akka godhatu taasisuu, miseensota hawaasaa garaagaraa gidduutti amantaa ijaaruu fi nagaa waaraa, bulchiinsa dimokiraasii fi ijaarsa biyyaatiif bu’uura kaa’uu dabalata.
Imalli marii biyyaalessaa dheeraa ture. Dhaabbata uumuu, tarsiimoo qopheessuu, qooda fudhattoota adda baasuu, ajandaa walitti qabuu, hirmaannaa uummataa gabbisuu, bakka bu’ummaa mirkaneessuu, ajandaa qopheessuu fi sadarkaa biyyaalessaatti yaa’ii marii geggeessuu gaafateera.
Biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti dhimmoota biyyaalessaa irratti tokkummaadhaan taa’uu, wal-dhaggeeffachuu fi walii galtee uumuu barbaaduun mataan isaa tarkaanfii guddaa dha.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Waltaajjii ijoolleen Itiyoophiyaa rakkoolee biyyaalessaa mariidhaan furuu akka danda’an mirkaneessee dha!
Mariidhaan Hundi Mo’ataadha!”