Yaa’iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii haaromsuu aanaa Madda Walaabuu ardaa Jilaa Maddaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Hagayya 20, 2018 (FMC) – Yaa’iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii haaromsuu aanaa Madda Walaabuu ardaa Jilaa Maddaatti sagantaalee garaagaraan gaggeeffamaa jira.

Imalli Aadaafi Duudhaa Oromoo ganamaa iddootti deebisuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaan taasifamaa jiru qabatamaan dhugoomaa jira.

Haaluma kanaan yaa’iin Sikkoo Mandoo Dhaddacha Odaa murtii deebisuu/haaromsuu guyyaa har’aa sagantaa garaa garaan Aanaa Madda Walaabuu ardaa Jilaa Maddaatti geggeeffamaa jira.

Yaa’ii kanaan seerri Dhaddacha Odaa Murtii kan lallabamu yoo ta’u, sagantaa kana irratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Hooggantoonni Godina Boorana Bahaa, Godina Booranaa fi keessummoonni addaa addaa argamuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment