Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan Hirmaannaa Yaa’ii 18ffaa BRICS magaalaa Niwuu Deelih Hindii keessatti guyyoota lamaaf gaggeeffame irratti taasifteen, milkaa’ina gama hedduu galmeessiseetti.
Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO) ta’uuf imala itti jirtuuf deeggarsa BRICS argachuun, bu’aawwan ijoo yaa’ichaa keessaa tokko ta’ee eerameera.
Ya’ichi erga xumuramee booda ibsa baaseen, tattaaffii Itiyoophiyaa fi Iraan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf eegalte cimsee akka deeggaru mirkaneesseera.
Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaa (WTO)tti makamuuf gaaffiin dhiyeessite waggoota hedduuf kan harkifate yoo ta’u, Mootummaan Ida’amuu dhimma kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiiwwan riifoormii raawwateen, miseensa dhaabbatichaa ta’uuf yeroo kamiyyuu caalaa itti dhihaatteetti.
Kanaafis, Itiyoophiyaan riifoormii dinagdee biyya keessaa gaggeessuun murtoo dinagdee Gooroo irratti dabarsite, imala ishee gara miseensummaa Dhaabbata Daldala Addunyaatti taasiftu keessatti gahee olaanaa taphateera.
Miseensummaan kun oomishaaleen Itiyoophiyaa cancala sonaa naannawaa, qaxxaamuraa fi addunyaa waliin akka walitti hidhamiinsa qabaatuuf gargaara.
Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa yoo taate, BRICS sirna daldala addunyaa keessatti dhiibbaa isaa akka dabalu waan gargaaruuf, dhiibbaa Itiyoophiyaan garee BRICS keessatti qabdus ni guddisa.
BRICS, garee biyyoota 11 dinagdee gurguddaa addunyaa fi dinagdee saffisaan guddachaa jiran keessaa ijaarame, sirna daldalaa fi faayinaansii addunyaa haqa qabeessa taasisuuf hojjechaa jira.
Haaluma kanaan, Itiyoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uun, sirna daldala addunyaa fooyyessuuf taasifamu irratti humna marii fi dhiibbaa BRICS cimsuuf gumaacha qaba.
Itiyoophiyaan, hundeeffama Yaa’ii Daldala Walabaa Naannawaa Afrikaa (AfCFTA) irraa eegalee hirmaannaa cimaa taasisaa jirtu, miseensummaa Dhaabbata Daldala Addunyaa waliin yoo qindeessite, biyyoonni BRICS Itiyoophiyaa akka karra seensaa fayyadamuun gabaa Afrikaa bira gahuu akka danda’an balbala bana.
Tewodiroos Saahileen
#Oromia #Ethiopia