Finfinnee, Fulbaana 14, 2019( FMC)- Indaastirii Itiyoophiyaafi buufataalee Jibuutii walitti hidhuun milkaa’ina olaanaa galmeessisuun ni danda’ama jedhan Pireezidaantiin Jibuutii Ismaa’el Omar Giilee.
Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Jibuutii Omaar Gillee fi Alikoo Daangootee waliin ta’uun Jibuutii Daamaarjoogin irraa ka’ee karaa Daawaleen Itiyoophiyaa waliin kan wal qunnamsiisu, akkasumas Invastimantii tarsiimawaa guddaa ta’e,sarara ujummoo dabarsaa boba’aa calalamaa haaraa diriirsuu ifoomsaniiru.
Pireezidaanti Ismaa’el Omaar Giilee wayita kana haasawa taasisaniin, Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad saganticharratti argamuun amantaa cimaafi ejjennoo waloo Itiyoophiyaafi Jibuutii kan agarsiisudha jedhan.
Invastimantiin kun mootummoonniifi dhaabbileen dhuunfaa Afrikaa wayita waltumsan Afrikaan sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’uu akka dandeessu kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.
Afrikaan meeshaalee dheedhii gabaa alaaf ergaa boba’aa calalamaa gatii qaaliin bituu keessaa bahuu akka qabdu kaasaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa walitti hidhamiinsa hin qabne daangaa kan hin ceene ta’uu eeruun, hammattoowwan seeraa naannawaa daldala bilisaa Afrikaa qabatamaan bu’uuraalee misoomaa deeggaruu akka qaban dubbataniiru.
Dandeettiin indaastirii Itiyoophiyaafi buufataaleen Jibuutii wayita walitti hidhaman milkaa’ina olaanaa galmeessisuun akka danda’amu eeruu isaanii ENA’n gabaaseera.
Pireezidaanti Ismaa’el Omaar Giileen Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Aliikoo Daangooteefi qaamolee pirojektichaaf deeggarsa taasisan biroo galateeffataniiru.