Finfinnee, Fulbaana 6, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan tarsiimoo mandhalee hojiirra oolchiteen hiyyummaafi duubatti hafummaa barootaaf ture seenaa taasisuuf imala milkaa’aa imalaa jirtu.
Abdiirraa gara bu’aa qabatamaatti dhufaa jirti.
Bu’aawwan abdachiisoon badhaadhinni dhugoomsaan galmaa’aa jiru.
Misooma qamadiin waggoota dhiyoo keessatti jijjiiramni guddaan mul’ateera.
Keessumaa qonna qamadii rooba irratti hundaa’e irraa gara qonna jallisii fi qonna ammayyaatti ce’uun xiyyeeffannoo guddaa argateera.
Qonni qamadii jallisii bonee birmadummaa nyaataa mirkaneessuurra darbee gabaa alaaf dhiyaachuun hariiroo daldalaa biyyoota naannawa cimsaa jira.
Bara oomishaa 2017/18 keessattis, Oomisha Qamadii Jallisii Bonaarraa qofa Callaa Kuntaalli miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 49 argameera.
Qamadii alaa galu hambisuun sharafa alaa xiqqeessuu danda’eera.
Galii qonnaan bulaa guddisuu fi carraa hojii babalisaa dhufeera.
Qamadiin daakuu, paastaa, daabboo fi oomishaalee biroof waan ooluuf, indaastirii agro-processing jajjabeessaa jira.
Misoomni qamadii Itiyoophiyaa yeroo ammaa kaayyoo sadii guddaa qaba: birmadummaa nyaataa mirkaneessuu,galii qonnaan bulaa guddisuu fi sharafa alaa argamsiisuudha.
Naannolee fi Godinaaleen kana dura qamadii oomishanii hin beekne yeroo ammaa qamadii oomishuun bu’aa raajii galmeessaa jiru.
Inisheetiiviin Misooma Qamadii bonaa gannaa biyyoota hedduuf fakeenya ta’e kun badhaadhina biyyattii dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa bahataa jiru.
#Oromia #Ethiopia