Injifannoo Biyyaalessaa fi Ifa Bara Haaraa

Finfinnee, Hagayya 17, 2018(FMC) – Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkaa’inaan xumuramuun, cimina biyyaattii, ogummaa uummata ishee fi ga’umsa hiree ishee ofiin murteeffachuu Itiyoophiyaa kan mirkaneessu taatee seena qabeessaadha.

Milkaa’inni kun xiyyeeffannoo ardii Afrikaa kan harkise yoo ta’u, Itiyoophiyaan rakkoo cimaan marii sirnaawaa ta’een keessa darbuu hin dandeenye akka hin jirre addunyaaf kan mirkaneesse, akkasumas lammiilee isheef ifa abdii kan mul’ise boqonnaa seenaa haaraati.

Kitaaboleen seenaa akka ragaa ba’anitti, walxaxiinsa siyaasaa fi hawaasummaa seenaa biyyaa keessatti mul’atan qawwee fi humnaan furuuf yaaliin taasifame hundi, marsaa haaloo fi jibbaa uumuu irra darbee, nagaa waaraa fiduu hin dandeenye.

Hayyuun seenaa fi barreessaan beekamaan Afrikaa Alii Mazruuyi, kitaaba isaanii “The Africans: A Triple Heritage“ jedhu keessatti akka ibsanitti, biyyoonni Afrikaa tasgabbii fi misooma waaraa mirkaneessuu kan danda’an dhiibbaa alaan osoo hin taane, duudhaa seenaa fi aadaa isaanii irratti hundaa’uun marii keessaa fi waliigaltee uumuudhaan qofa.

Milkaa’inni Marii Biyyaalessaa kunis Itiyoophiyaa gara fuulduraatti keessatti gaaffiin ykn garaagarummaan qaama kamiyyuu jiru, furmaata kan argatu marii sirnaawaa naannoo minjaalaa irratti gaggeeffamuun malee, afaan qawween akka hin taane ergaa ifaa fi shakkii hin qabne dabarseera.

Itiyoophiyaan kaleessa weerartoota alaa fi koloneeffattoota jalatti jilbeenfachuu dhabuun, abdii bilisummaa saboota gurraachaa taatee turte. Har’as rakkoolee keessoo isheef utuu hin jilbeenfatin, injifannoo ishee diinota seenaa irratti irra deebiin agarsiisuudhaan, dandeettii ilmaan ishee fi waltajjii marii isheetiin rakkoolee ishee furuuf dandeesseetti.

Qorannoowwan hayyoota seenaa garaagaraatiin gaggeeffaman akka ibsanitti, ciminni seenaa uummata Itiyoophiyaa kan maddu yeroo qormaataa keessatti tokkummaa uumamuu fi cimina biyyaalessaa ajaa’ibsiisaa isaan agarsiisan irratti.

Milkaa’inni yaa’ii Marii Biyyaalessaa, Itiyoophiyaanonni garaagarummaa isaanii irratti wal mari’achuun waliigaltee irra ga’uu kan danda’an aadaa siyaasaa bilchaataa ijaarachuu isaanii kan agarsiisudha. Kunis birmaddummaa fi tokkummaa biyya keenyaa kattaa caalaa jabaataa taasisa.

Itiyoophiyaan boruu nagaan ishee kan cime, tokkummaan saba-dabeessummaa uummata ishee kattaa caalaa jabaataa, fi nagaa hawaasa naannawaa ishee fi addunyaaf gahee waardiyyummaaa ishee kan itti cimsattu daandii haaraa irra jirti.

Doonald Leevin, kitaaba isaanii “Greater Ethiopia: The Evolution of a Multiethnic Society“ jedhu keessatti akka ibsanitti, bu’uurri cimina fi jiraachuu Itiyoophiyaa tokkummaa garaagarummaa keessatti argamuu dha.

Milkaa’inni Marii Biyyaalessaa, injifannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaan nagaa keessoo ishee mirkaneessuun, naannawa Afrikaa Bahaa fi ardii Afrikaa guutuu keessatti gahee fi hooggansa gaarii qabdu irra deebiin kan mul’iseedha.

Taariikuu Leggasaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment