Finfinnee, Hagayya 19, 2018(FMC)- Invastimantii Itiyoophiyaan tajaajila damee fayyaa irratti taasiftuun miiliyoononni fayyadamoo ta’aniiru jedhan Pireezidaantiin RDFI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Yaa’iin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Naannawaa Afrikaa 76ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen wayita kana Afrikaatti tattaaffii sirna fayyaa ammayyeessuuf taasifamu keessatti tumsi tarsiimawaa biyyootaa cimuu akka qabu ibsaniiru.
Afrikaan eegumsa fayyaa lammiilee ishee ammayyeessuun saaxilamummaa fayyaaf dandeettii ofiin deebii kennu qabdi jedhaniiru.
Afrikaaf tarsiimoo qindaa’aan waloo akka barbaachisu kaasanii, invastimantii damee fayyaa irratti hojjettus guddisuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Qindoomina Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Giddugala To’annoo Dhibee Afrikaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, murtoowwan yaa’icharratti darban Ajandaa Afrikaa 2063 waliin walsimsuun hojiiirra oolchuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Itiyoophiyaan fayyaa akka invastimantii biyyaalessaa tarsiimawaatti kan ilaaltu ta’uu kaasanii, baajatni damee fayyaaf ramadamu walitti fufiinsaan dabalaa dhufuu dubbataniiru.
Lakkoofsa ogeeyyii fayyaa guddisuun sirna fayyaa cimsuu ibsuun, kunis carraa jiraachuu haadholiifi daa’immanii irratti fooyya’iinsa fideera jechuu isaanii TOI gabaaseera.
Itiyoophiyaan invastimantii, tumsa naannawaafi dhaabbilee ardichaaf deeggarsa gochuun gahee ishee bahachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia