Finfinnee, Fulbaana 23, 2019 (FMC) – Irreechi Hora Finfinnee Ulfoo Oromoo Olkaasee Kabaja Biyyaa Mul’iseera jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromoo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan qaamolee Irreechi Hora Finfinnee milkiin akka xumuramu gahee qaban hunda galateeffataniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Irreechi Hora Finfinnee Ulfoo Oromoo Olkaasee Kabaja Biyyaa Mul’iseera.
Horri Finfinnee wiirtuu injifannoo Oromoo duudhaan hammannaa danoomni irratti calaqqise ulfoo guddaadha.
Qe’ee keenyatti miliyoonotaan irreeffannee ulfoo keenyattis ulfina dacha horreerra. Uumaa keenya gurraacha garaa garbaa lemmoo garaa taliilaa uumama jiidhaa qabannee galataaf fuula isaatti dhiyaanne nagaan nu tiksee galata keenyas nuuf simateera. Uummatni keenyas Kaabaa Kibbaafi Bahaa Lixaa roga hundaan timmisee jaalalaafi kabaja ulfoo isaaf qabu gochaan mul’iseef Mootummaan Naannoo Oromiyaa galata guddaa qaba.
Sirni kabaja Ayyaana Irreecha malkaa Hora Finfinnee bara kana waloomaan gaggeessine kan waggoota darbaniirra olkaa’ee tokkummaan Oromoo akka itituuf boqonnaa haaraa saaqeera.
Kunis uummatni keenya garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi daangaa amantaa bira darbitanii tokkummaan Oromoo bu’uura jabaa irratti akka ijaaramaa deemu taasisuu keessaniin injifannoon addaa galmaa’uu danda’eera. Kanaanis uummatni keenya galma isaa kan hubateefi haaromsa aadaa eegale sadarkaa olaanaatti ceesisuuf qophaa’uummaa olaanaarra jiraachuu isaa kan agarsiisedha.
Sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa duudhaa obbolummaa, jaalalaa ho’aafi kabajaan masakamtanii Irreecha irratti argamuun kabaja Oromoof qabdan gochaan waan mul’itaniif galatni keenya guddaadha. Karri Finfinnee Shananuu karaa duudhaafi safuu isaa eeggateen saaqamee obboloota keenyaa biyya keessaafi alaa simachuun duudhaan hammannaa Oromoo hanga yaadameefi eegameen olitti guddaa ta’uus mul’ateera. Ilaalchi qeenxummaa diigamaa Itoophiyummaa dhugaa hundi keessatti of argu ijaaramaafi olka’aa jira.
Jiraattootniifi bulchiinsi magaalaa Finfinnee dhangaa qopheessitanii; ardaa jilaa misoomsuufi qulqulleessuun midhaksitanii Irreecha Finfinnee ulfoo Oromoo waan tiksitaniif galatni keenya guddaadha. Simannaafi gaarummaa Irreeffattootaaf agarsiisuu keessaniin waloomaan caalmaatti akka injifannu argineera.
Qaamoliin nageenyaas sadarkaa hundatti halkaniifi guyyaa dhaabbachuun Irreechii Hora Finfinnee milkii olaanaan akka xumuramuuf tumsa taasiftan hundaaf galatoomaa jenna.
Ogeessotniifi dhaabbileen miidiyaa duudhaafi safuun Irreechaa mallattoo namooma dhugaa ta’e kun ba’ee uummata Addunyaaf akka mul’atu gochuun tajaajila uummata keenyaaf gootan hundaaf galata dhiyeessina.
Kabajamaa uummata keenyaa; daandiin aarsaa qaaliin waliin eegalle milkaa’aafi injifannoon gonfannes waaqaafi nama duratti adda argateera. Milkoofneerra; uumaan keenyas nu gargaareera. Waloomni sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa Irreecha Hora Finfinnee irratti mul’isaniis kan yeroo kamii caalaa kan dinqisiifatamudha. Daneessummaan guyyaa har’aa olka’ee mul’ate kunis Irreechi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf utubaa guddaa ta’uu isaaf agarsiiftuu guddaadha. Akkuma Malkaa Finfinneetti ulfoo keenyaaf kabaja laannee danooma keenyas olkaafnetti guyyaa boruu Hora Harsadeetti timmifna.
Irreecha Hora Finfinneetti waaqni nu gargaaree; uummatni keenyas eenyummaa, aadaafi duudhaa isaaf kabaja malu kennee milkoofneerra; mareewoofi gabbisaayyoon uumaa keenya galateeffachaafi jajachaa guyyaa Boruu Hora Harsadee Bishooftuutti Irreeffachuuf qajeella. Harsadeenis Wayyuudha; wayyoomnis milkooma!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;
Waaqayyos nu gargaara!
Shimallis Abdiisaa, PMNO
Fulbaana 2019
Finfinnee eebbisu
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa