Finfinnee, Fulbaana 22, 2019 (FMC) – Irreechi Ulfoon Oromoo Qofummaarraa Gara Walooma Danuutti Ce’eera jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Iccitiin uumaa uumamaan ifa. Jijjiiramootni dinqisiisoon sirni lufiinsa dhufee darba yeroo halkaniifi guyyaan, torbanootniifi ji’ootni asaasa uumaatiin maranii dhufanii maranii darbu. Taateewwan uumamaa yeroo waliin maranii dhufanii darban keessaas waktiin tokko rooba kan uumamni hundi ittiin jiidha argatu; waktiin biraa caama yeroo sanyiin faca’e deebi’ee iccitii uumaan ija godhatu; gormees lubbu qabeessaaf abdii laatu. Akka ilaalcha Oromtichaatti uumamni hundi asaasa uumaan bula; ajaja uumaaf abboomamee sirnaa’ee deema. Dacheen dhisa malee dhifame; samiin utubaa malee diriirfame iccitii guddummaa uumaa ta’uus amana. Kanaafis uumaa uumama hundaa kana; gurraacha garaa garbaa leemmoo garaa taliilaa tokkicha maqaa dhibbaa jedhee waama. Araara kadhatee alaa mana eebbifatee uumaafi uumama hunda waliin waliigalee bula.
Oromoon qaroodha. Falaasama idil-addunyaawaa ilaalama yeroo ittiin hubatu dhaha tolfatee, sirna bulchiinsaa namaafi uumamaa biroo tiksu Gadaa ijaarratee; madaala namoomaa tiksuufis nama jidduutti tokkummaa kan ittiin jabeessu, uumaa isaafis galatoo dhiyeessee araara isa kadhatu Irreecha ijaarratee safuufi duudhaan masakamee saba jiraatudha. Falaasama jajjaboo kanaan jiruufi jireenya qajeelfatee; baatuu-baatee hunda hooddatee tokkummaa akka sibiilaa jabaatuun saba adda argatee hundee jabeeffatee guddummaa isaa mirkaneessedha. Guddummaan Oromoo baay’ina qabaachuu qofa miti; caaseffama sorooree sirna idilaa’etu sansaka wayyoomaan diramee Oromoo wayyuu godhe. Wayyoomni kun kan guyyaa tokkotti ijaarame miti. Itita safuu, duudhaafi aadaa waggoota kuma hedduu akka gaaraatti ijaaramee dhiibamee kan hin jigneefi qotamee kan hin dhumne eenyummaa waloomedha. Wayyooma kanatu gootummaa hore, caaseffama sirnaa’e kanatus biyya ijaare.
Kabajamaa uummata Oromoo baga dhiibuu Gannaa hulluuqxanii booqaa Birraatti ceetan; baga Irreecha bara 2019 geessan! Irreechi imala haara’ummaati. Deemsa uumamaa hordofee waktii Ganni darbee Birraan bari’utti dacheen qooree magariisa uffachuun Abaaboo Birraan kuulamee deemsa uumamaan haara’a.
Haara’umsa uumamaa fuula dachee irratti dhufu hordofee bara haaraatti quufaafi gabbinatu dhufa. Qeerroon Goobee dhiichisee, Qarreen Shinooyyeen taphachuun Birraan bari’uu labsu; itti fufiinsa jireenyaaf abdii ta’uu isaaniis mirkaneessu. Oromoon akka sabaatti Ganni darbee Birraan yoo bari’u; gubaa gubee Masqala waatiifi maatiin, ollaafi biyyaan ayyaaneffachuun Waaqa iccitii isaan waggaa maree fidee maree dabarsu goomattuufi moomattuu hanqisee waggaa haaraa nama badhaasu kumaa kitilaan timmisee Malkaatti Irreeffachaa dhufe.
Kabajamaa uummata Oromoo; bara kanas Ganni darbee Birraan nuuf bari’eera. Muuda booqaa Birraa muuddannee; ibsaa Masqalaa ibsinee Irreeffannaa Malkaafis geenyeerra. Uumaan keenya dukkana Gannaa waatiif maatii, alaaf manaan oofkalchee, kan facaafnes kumaaf kitilaan ija naqee dachaan nu eebbiseera. Birraa ifaaf miidhagina uumamaan faayamettis milkiin nu ceesisee akka jiidha qabannee, ulfoo naqannee malkaatti baanee galateeffannu kan nu taasise uumaan keenya galanni kan isaati; haa galatoomu!
Kabajamaa uummata keenyaa!
Irreechi araara, jaalalaafi nagaadha. Jiruufi jireenyi Oromoo wayyooma araaraa, jaalalaafi nagaan ijaaramaa akkuma dhufe: dhalootni keenya duudhaa kana olkaafnee akka faajjii jabaatti dhaabuu qabna. Barri duudhaafi safuun keenya cabee moggaatti dhiibamaa turre akkuma galaanaatti yaa’ee darbeera; deebi’ee dhufuu hin danda’u. Boqonnaan keessa jirru kun yeroo olka’insa haaraa waan ta’eef tokkummaa keenya jabeessinee injifannoo keenya tiksinee egeree jabaa yeroo ijaarru ta’uu qaba. Kanaafis haaromsa aadaa eegalle sadarkaa olaanaatti ceesisuun tokkummaa sabaafi ijaarsa biyyaaf xiyyeeffannaa kennuutu barbaachisa.
Irreechi ilaalchaafi gocha faallaa of duraa maksuun faajjii Oromoo Oromummaa isaatiin keessummeessu; duudhaa hammannaa isaatiin waliigaltee biyyaalessaa sadarkaa olaanaatti ceesisu ta’uu danda’eera. Bara kana wayita Irreeffannus; ayyaanichi qofummaarraa gara walooma danuutti; micciirraa waliigaltee biyyaalessaa humneessu ta’uusaa karaa mul’iseen kabajama. Kanaafis Oromoon warra malkaati; ayyaantuudha. Sabootni, sablammootniifi uummattootni biroo duudhaa hammannaan kan firooman obboloota keenya waliin uumaa raajeffannuufi galateeffannu boqonnaa haaraa olka’iinsa Itoophiyaa waliigaltee biyyaalessaaf utubaa ta’udha.
Galma kana milkeessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa tumsaafi deeggarsa akka mootummaatti irraa eegamu hunda kan taasisu ta’uu cimsee isiniif mirkaneessuun barbaada.
Irreechi qaama ilaalama Oromiyaa ijaaruu, Itoophiyaa utubuufi Gaanfa Afriikaa tasgabeessuuti. Irreechi ilaalama Oromoo idil-Addunyaawaatiin masakamee hariiroo dalgeetiin hawaasummaaf namooma dhugaa hariiroo oleetiin uumaa isaa waliin Oromoon taliigamee akka jiraatuuf kan gargaarudha. Hariiroo ilaalamnisaa guutuu ta’e kanaan Gaanfa Afriikaatti mootummaa cimaafi biyya jabduu ijaaraa jirra. Mootummaa cimaafi biyya jabduu qofaa osoo hin taane dinagdee jabaa birmadummaa biyyaa guutuu taasisu uumuuf kutannoon hojjetamaa jira. Akka naannootti imala gara badhaadhinaatti taasisaa jirru tirannaarraa gara utaalchootti ceesisuufis karoora of danda’uu labsinee hojiitti seenneerra. Qormaattota injifachaa dhufne injifachaa itti fufuun gaara badhaadhinaatti uummata keenya olbaasuu irraa humni duubatti nu deebisu hin jiru.
Ajandaan keenya Hidha Haaromsaarraa gara Ulaa Galaanaatti ce’eera. Balbala ulaa galaanaa akka biyyaatti shiraan nutti cufame bifa tarsiima’aa seeraafi sirna Idil-Addunyaa eegeen banuuf yaadama tarsiima’aa falaasama Ida’amuutiin hogganamnee boqonnaa haaraa saaquu dandeenyee jirra. Ajandaa bifa tarsiima’aan eegalle waloon milkeessinee yeroo dhiyootti haqa lallabne firiisaas arginee dhuga baatuu akka taanu shakkii hin qabu.
Kabajamaa uummata naannoo keenyaa; yaadama Ida’amuu imala waggoota Saddeettan darbanii bifa tarsima’aan imalameefi rifoormii mandhalee hojiirra oolfameen galma qabanne dhugoomsuu akka dandeenyu firaafis diinaaf mirkaneessineerra.
Cabiinsa dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa biyya mudate qolachuuf kallattii Muummichi Ministeraa keenya Looreetiin nagaa Addunyaa Dr Abiyyi Ahimad kennan qabannee uummata keenya qindeessinee raajii hojjechuu dandeenyee jirra.
Biyyi keenya bakka kaleessaafi akka kaleessaatti hin jirtu. Seenaan jijjiiramaa, dhageettiin sabaafi biyya keenyaa olkaafamaa waltajjii Idil-Addunyaatti kabaja horachaa dhufneerra. Kanaaf Irreechi waggaa waggaan kabajamu boo’icha irraa gara moo’ichaatti ce’ee; ulfoo waliigaltee biyyaalessaa ijaaru ta’uu danda’eera. Irreechi Itoophiyaaf qofa osoo hin taane Afriikaafuu simboofi miidhagina addaati. Ardaa jilaa miidiyaaleen Idil-addunyaa dhugaasaa seenessan Qorattoonni ajandaa qorannoo taasifataniifi Tuuristoonni itti timmisan ta’uurra ga’uun akka salphaatti miti. Injifannoo wareegama qaaliin galmaa’e ta’uu dhalootni yaadachaa kabajachuu qaba.
Irreechi hoodaafi ulfoo Oromoo olaanaadha. Waggaa maree dhufu hunda haaromsaaf kan saba qopheessu; waloof kan dhaloota hiriirsu fo’aa amanamaa har’aafi boru walitti hidhudha. Kunis qulqullummaa dhuunfaarraa hanga hawaasa bal’aatti qaamaafi qalbii kan haaressu; daandii abdiin guutamanii ce’umsa egeree ittiin mirkaneessanidha. Kanaaf keessoo keenyatti badii jiru hooddannee waliinis faloo falannee diinaafi fira keenya gargar baafnee beekuun qolachuun yeroon isaa amma ta’uu qaba.
Irreechi bara 2019 abdiifi haaromsa qofa osoo hin taane; injifannoo dabalataa nuuf fidee dhufeera. Kunis qabsoo keenya waggaa dheeraa kan ture Irreechi eenyummaafi kabaja Oromoo mul’isu kaalendara biyyaa irratti bakka isaaf malu akka argatuuf hojii hojjetamaa dhufeen daandii milkii qabateera.
Mareefi marabbaan seenessoota dogoggoraa Oromoofi Oromummaa xiqqeessan qolachuu dandeenyee jirra. Hojii kana ni jalqabne malee hin xumurre waan ta’eef seenaafi seenessa Oromoo dabe qajeelchuuf xiyyeeffannoon kan hojjennu ta’a.
Kabajamaa abbaa ayyaana guddaa Oromoon hundi baga Ayyaana Irreechaa bara 2019 isin ga’e baga ittiin nu ga’e jechaa ayyaanichi sirna isaa eeggatee akka kabajamuuf kutannoon akka hojjettan waamicha koon isiniif dhiyeessa. Akkasumas keessummoota biyya fagoofi dhiyoo, saboota ayyaanicha irratti hirmaachuuf gara naannoo keenyaa dhuftan maraan anaa dhufu baga nagaan dhuftan jechuun barbaada.
Uummatni keenya hunduu Ayyaanicha irratti hangafaa quxusuun malkaatti yaanee, Ulfoo ulfina Oromoo godhannee, jiidhaa qabannee uumamaan uumaa galateeffachuuf miliyoonota hedduun baanee sirnicha miidhaksuun cinatti Ummata Addunyaas akka raajeffachiifnu waamichan isiniif dabarsa.
Birraan kan quufaaf gabbinaa, Irreechi kan waliigaltee nuuf haa ta’u!
Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina,
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa, PMNO
Fulbaana, 2019
Finfinnee