Finfinnee, Caamsaa 18, 2018 (FMC) – Itiyoo-Telekoom Gabaa Qabeenya Sanadaa Itiyoophiyaatti galmaa’eera.
Haaluma Kanaan abbootiin aksiyoonaa dhaabbatichaa aksiyoona isaanii Gabaa Qabeenya Sanadaa Itiyoophiyaa irraa bituu, gurguruufi dabarsuu akka danda’an ibsameera.
Hojii Raawwachiistuu Olaantuun Itiyoo-Telekoom Fireehiwoot Taammiruu wayita kana dhaabbatichi adeemsa aksiyoona gurgurtaa qoodaa %10 uummataaf ifoomse gara diijitaalaatti jijjiiruu guutummaatti xumuruu eeraniiru.
Haaluma Kanaan abbootiin aksiyoonaa kumni 45 ol bittaafi gurgurtaa raawwachuu akka danda’an dubbataniiru.
Abbootiin aksiyoonaa bittaafi gurgurtaa kana raawwachuu kan danda’an walbishisiistota Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa irraa eeyyamni kennameef yookaan ammoo baankiiwwan invastimantii irraa lakkoofsa herrega daldalaa wayita banan ta’uu hubachiisaniiru.
Gama biraan abbootiin aksiyoonaa kumni 1 fi 646 odeeffannoo waraqaa biyyaalessaa hin guutiin ariitiin odeeffannoowwan isaanii akka guutan dhaabbatichi waamicha dhiyeesseera.
Maqdas Yeneehuuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia