Finfinnee, Fulbaana 3, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan miseensummaa BRICS irraa faayidaawwan argattu cimsitee itti fufsiisuuf hirmaannaa dammaqinaan hirmaachaa jirti.
Yaa’iin BRICS Itiyoophiyaan dhimmoota ishee sagalee isheetiin hawaasa addunyaatti akka dubbattuuf carraa uumuurra darbee, carraawwan hedduu kan isheef banuudha.
Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun hirmaannaa dipilomaasii ishee cimsuurra darbee dameewwan dinagdee, daldalaa fi invastimantii keessatti carraawwan haaraa banaaf.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Yaa’ii hoggantootaa BRICS 18ffaa Hindi, Niiw Deelhiitti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachaa jiru.
Itiyoophiyaan yaa’icha irratti hirmaachuun hirmaannaa dipilomaasii ishee sadarkaa idil-addunyaatti cimsuu bira darbee, faayidaa dinagdee ishee babalʼisuuf carraa uuma.
Mariiwwan yaa’icha cinaatti gaggeeffaman dameewwan daldalaa, faayinaansii, teeknooloojii, invastimantii fi misoomaa irratti carraawwan tumsaa uumuuf gargaaru.
Itiyoophiyaan hariiroo daldalaa biyyoota miseensa BRICS waliin qabdu babalʼisuun waliingahiinsa gabaa alaa guddisuuf carraa argatteetti.
Keessumaa dameewwan indaastirii, qonnaa, anniisaa, teeknooloojii fi buʼuuraalee misoomaa keessatti carraawwan invastimantii olaanoon uumamaa jiru.
Dhaabbileen faayinaansii misoomaa BRICS waliin walqabatan, akkasumas dandeettiin faayinaansii biyyoota miseensotaa, pirojektoota misoomaa Itiyoophiyaatiif filannoowwan faayinaansii dabalataa taʼuu dandaʼu. Kunis pirojektoota daandii, anniisaa, bishaanii fi indaastirii saffisa guddaan hojiirra oolchuuf gahee olaanaa qaba.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu taʼuu, biyyoonni miseensa BRICS immoo kaappitaala, teeknooloojii fi gabaa akka qaban kaasaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya albuudaa, anniisaa haaromfamaafi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hundaaʼuun, tumsa fi waltaʼiinsa haaraa uumuuf qophii taʼuu ishees mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan kuufama qabeenya uumamaa qabdu walitti qindeessuun sirnaan itti fayyadamuufi qabeenya dheedhii irratti sona dabaluuf BRICS carraa guddaa uuma.
BRICS Itiyoophiyaan fedhii misoomaa ishee fi faayidaa Afrikaa mariiwwan idil-addunyaa garaagaraa irratti akka ibsituuf waltajjii dabalataa isheef uuma. Waltajjii kanarratti hirmaachuun ishees filmaatawwan hariiroo alaa Itiyoophiyaa babalʼisuufis gumaacha olaanaa taasisaa jira.
Carraawwan daldalaa, invastimantii, teeknooloojii fi faayinaansii waltajjii kana irraa argattu Itiyoophiyaan gara buʼaa misoomaa qabatamaatti jijjiiruuf gahee ishee bahachaa jirti; gara fuulduraattis cimsittee itti fufti.
Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun maqaa kabajaa argachuu qofa osoo hin taane, carraa dinagdee gara misooma dhugaa fi qabatamaatti jijjiiruuf tumsa tarsiimawaa taʼuu hubachuun, kutannoodhaan hojjechuu fi milkaa’ina kana caalmaatti cimsuun barbaachisaadha.
Abeel Nawaayiin.