Finfinnee, Hagayya 9, 2018 (FMC) – Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Binnaalfi Andu’aalam Ameerikaatti Gargaaraa Ministira Dhimma Alaa Dhimmoota Afrikaa Firaank Gaarsiyaa waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaa yeroo ammaa irratti xiyyeeffachuun mari’achuun isaaniis ibsameera.
Naannawicha keessatti rakkoolee fi qormaata mul’achaa jiran furuuf dameewwan tumsa biyyoonni lamaan irratti hojjechuu danda’anirrattis mari’ataniiru.
Keessumaa damee albuudaa dabalatee, tumsa diinagdee Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru caalaatti cimsuu fi gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf karaa waliin hojjechuu danda’anirratti xiyyeeffannoon mari’achuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.
#Oromia #Ethiopia