Itiyoophiyaa – Giddugala Humna Haaromfamaa Baha Afrikaa

Finfinnee, Hagayya 12, 2018 (FMC) — Itiyoophiyaan waggoota saddeettan darbanitti diinagdee magariisaa dandamataa ta’e ijaaruu fi misooma humna haaromfamuu irratti hojii bal’aa hojjechaa jirti.

Haaluma kanaan, sirna ikoo jijjiirama qilleensaa dandamatu uumuurratti guddina ajaa’ibaa galmeessaa jirti.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa, qabeenyaafi tattaaffii uummataatiin guutummaatti ijaaramee humna maddisiisuu jalqabe, giddugala qaama imala milkaa’ina guddaa kanaa ti.

Pirojeektichi dandeettii biyyattii humna elektirikii maddisiisuu dachaan guddisuurratti gahee olaanaa qaba.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, sirna eebba hidhichaa irratti haasawa taasisanii turaniin akka jedhanitti, xumuramuun hidhichaa boqonnaa seenaa Itiyoophiyaan pirojeektoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoo dandeettii fi kutannoodhaan ofii isheetiin raawwachuu akka dandeessu qabatamaan kan agarsiisee dha.

Itiyoophiyaan maddoota humna bishaanii bira darbee, filannoowwan maddoota humna haaromfamoo babal’isuuf humna qilleensaa, aduu fi ho’a lafa keessaa (ji’ootarmaal) irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.

Misooma humna qilleensaa keessatti, Pirojektiin Humna Qilleensaa Ayishaa Lammaffaa dandeettii maddisiisuu meggaa waatii 120 qabu, marsaan isaa jalqabaa meggaa waatiin 80 xumuramee gara Giddugala To’annoo Humna Elektirikii Biyyaalessaatti makameera.

Kana malees, Paarkiiwwan Humna Qilleensaa Ashgodaafi Adaamaa waliin ta’uun filannoowwan humna haaromfamaa biyyattii babal’isuuf gumaachaniiru.

Pirojektowwan ho’a lafa keessaa kanneen akka Tulluu Mooyee fi Aluutoo Laangannoo, qabeenya uumamaa bal’aa biyyattii irraa fayyadamuuf dandeettiiwwan humna haaromfamaa dabalataa ta’aniiru.

Dabalataanis, buufataaleen humna aduu naannolee adda addaatti babal’achaa jiran fi buufatni humna aduu xixiqqaan giiridii biyyaalessaa irraa ala hojjetan, hawaasa baadiyyaa fayyadamaa elektirikii taasisuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiru.

Yeroo ammaa, dhiyeessii humna elektirikii waliigalaa Itiyoophiyaa keessaa harki 96 ol maddoota humna haaromfamaa irraa kan maddudha.

Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti misooma humna magariisaan biyyoota sadarkaa duraa irratti argaman keessaa tokko akka taatu dandeessiseera.

Dhiyeessiin humnaa amanamaa fi qulqulluu kun uumamuun tajaajila barnootaa, fayyaa fi tajaajiloota hawaasaa biroo fooyyeessuuf, naannoo faalama irraa eeguu akkasumas carraawwan hojii haaraa uumuu fi guddina diinagdee saffisiisuuf gahee olaanaa taphachaa jira.

Itiyoophiyaan humna qulqulluu kana fayyadama biyya keessaaf oolchuu bira darbitee Jibuutii, Sudaan, Keeniyaa fi Somaaliyaatti gurguruun walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa cimsaa, misooma magariisaa keessattis biyyoota naannichaaf fakkeenya ta’aa jirti.

Teewodiroos Saahileetiin

Comments (0)
Add Comment