Itiyoophiyaa keessatti dirreen diimookiraasii babal’atee jira- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 2, 2018( FMC)- Itiyoophiyaa keessatti dirreen diimookiraasii babal’atee jira jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota diinagdee, siyaasaafi waqtaawaa irratti turtii OBN taasisaniin, Itiyoophiyaa keessatti dirreen diimookiraasii babal’achuu ibsanii, kun ammoo jechaan qofa osoo hin taane waan qabatamaan mul’atudha jedhaniiru.

Jijjiiramaan booda namoonni baay’een mana hidhaatii baafamuu yaadachiisaniiru.

Namoota nuti mana hidhaatii baasnetu, warra kaleessa hidheen waliin hariiroo uummatee qabsaa’aa jira jedhanii, fedhiin isaanii maal kan jedhu sammuu nagaan yoo yaadame kan namaaf hin galle ta’uu eeraniiru.

Dirreen diimokiraasii babal’achuu isaaf agarsiistuu biraan Kanaan dura ABO’n filannoo keessa hirmaachuuf mirga akka hin qabneefi hin dandeenye yaadachiisanii, amma garuu yaada isaa miidiyaan ibsachaafi filannoo keessattis hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Qabsoo hidhannoon mootee mootummaa ta’uun faashiniin isaa darbeera kan jedhan Dooktar Abiy Ahimad, bara kana kan hin hojjenne ta’uu ibsaniiru.

Humnoonni hidhatanii naannolee Oromiyaa, Amaaraafi kanneen biroo keessa socho’aa turan hedduun tooftaan qabsoo kun akka hin baafne hubachuun karaa nagaatti deebi’an jiraachuus ibsaniiru.

Humni riphee lolaa Shaneen humna qaxaramaa ta’uu kaasanii, kaayyoofi galma kan hin qabne ta’uus eeraniiru.

Comments (0)
Add Comment