Itiyoophiyaafi Baankiin Misoomaa Afrikaa michummaa isaanii cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 12, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaafi Baankiin Misoomaa Afrikaa michummaa isaanii cimsuuf waliigalaniiru.

Ministirri Ministeera Maallaqaa Ahimad Shideen Walga’ii Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa Washingitan DC’tti gaggeeffamaa jiru cinaatti Pirezidaantii Baankii Misoomaa Afrikaa Dooktar Siidii Uud Taahi waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaafi baankichaa cimsuun cinaatti haala baankichi riifoormii diinagdee Itiyoophiyaa fi guddina waaraa deeggaruu danda’u irratti mari’atan.

Obbo Ahimad Shideen wayita kana Itiyoophiyaan karoorawwan riifoormii ishee hojiirra oolchuun jijjiirama fidaa akka jirtu kaasanii, mootummaan tasgabbii diinagdee gooroof, guddina damee dhuunfaafi ce’umsa caaseffamaaf kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dooktar Siidii Uud Taahi gama isaaniin, baankichi hojiirra oolmaa riifoormichaaf deeggarsa isaa cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Qaamoleen lameen hojiilee anniisaa, bu’uuraalee misoomaa, qonnaa fi jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Dabalataanis carraa hojii uumuu, walitti hidhamiinsa naannawaa fi ce’umsa diijitaalaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment