Finfinnee, Caamsaa 3, 2018(FMC)- Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Ministira Ministeera Dhimma Alaa Naayijeeriyaa Ambaasaaddar Biyaankaa Ooduumeegwii Oojuukwu waliin mari’ataniiru.
Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos wayita kana biyyoonni lameen hariiroo waggoota dheeraa qabaachuu yaadachiisaniiru.
Hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuuf dhimmootaafi gaaffiwwan waloo irratti qindoominaafi marii walitti fufiinsa qabu gochuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Ambaasaaddar Biyaankaa Ooduumeegwii Oojuukwu gamasaaniin, Naayijeeriyaan tumsa gam-lamee biyyoota lameenii daran guddisuuf fedhii qabaachuu ibsuun, dameewwan garaagaraan Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Maricharratti Ministirri Haqaa Haannaa Ara’aayaasillaaseefi Ministirri Haqaafi Abbaan Alangee Waliigalaa Naayijeeriyaa Laatiif Oolaasuunkaamiin waliigaltee namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii waliif kennuuf dandeessisu mallatteessaniiru.
Waliigaltichi tumsa dhaabbilee haqaa biyyoota lameenii gdduu jiru daran cimsuun hojii waloo damichaan hojjetamuuf hammattoo seeraa akka uumu eeramuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia