Finfinnee, Waxabajjii 22, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan akka injifattu kan taasise ummata Isheeti jedhan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, galmoota filannoo kan milkeessine ummata keenyaanii jedhan.
Filannoo Waliigalaa 7ffaa kan injifatte Itiyoophiyaadha,
akka injifattu kan taasise immoo uummata isheeti jedhan.
Aadde Adaanech Jiraattonni magaalaa Finfinnee filannichi diimookiraasii, haqa qabeessaa fi bilisa ta’ee milkaa’inaan akka xumuramuufi tarsiimoo fi imaammanni Paartii Badhaadhinaa faayidaa biyyaalessaa kan mirkaneesse ta’uu hubachuun waan filataniif galatoomaa jedhan.
Biyya bu’uureessuun, nageenya waareessuufi faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuun agarsiftuu danda’u Itiyoophiyaa ta’uu eeran.
Jiraattonni dhiibbaa miidiyaalee biyya keessaa fi alaan turaniif gurra osoo hin kenniin, Itiyoophiyaan akka dandeessuu waan mul’istaniif galatoomaa jedhan.
Dhamaatii ture hunda dandamachuun halkaniin baatanii cichoominaan hiriiruun diimookiraasiin akka mirkanaa’u,misoomni akka itti fufuufi nageenyi akka waara’u taasifataniirtu.
Jiraattonni wayita Paartii Badhaadhinaa filattan rakkoon hin jiru jettanii osoo hin taane, gaaffileen hin deebine ni deebi’u, hojiileen hin xumuramne adeemsaan xumuramu, kan hir’atees ni guuta jechuun abdii kennuun akka ta’e eeraniiru.
Kan nutti kennitan imaanaa waan ta’eef nutis amanamummaa fi cichoominaan hojjechuun Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa taasisuuf murannoon ni hojjenna jedhan.