Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC)- Mootummaan Itiyoophiyaa Dippiloomaatonni Eritiraa 10 sa’aatii 48 keessatti Itiyoophiyaa akka gadi lakkisan murteesseera.
Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Embaasii Itiyoophiyaa Asmaraatti argamu cufuuf murteessuu beeksiseera.
Ministeerri Dhimma Alaa Rippabiliika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa, Eritiraan Itiyoophiyaa irratti gochoota diinummaa fi walitti bu’iinsaa kallattii fi alkallattiin raawwatteef deebii kennuuf, Embaasii Itiyoophiyaa Eritiraa Asmaraatti argamu cufuuf murteesseera.
Ministeerichi, dippilomaatota Eritiraa 10, kanneen waliigaltee Viyeenaa hariiroo dippilomaasii cabsuun gochoota nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaaf yaaddoo uuman sa’aatii 48 keessatti Itiyoophiyaa gadi lakkisanii akka bahan ajaja kenneera.
Itiyoophiyaan Hariiroo seenaa qabeessaa fi walitti hidhamiinsa uummata Eritiraa waliin qabdu kan kabajuu fi walitti bu’iinsa karaa nagaa fi mariin furuuf kutannoo qabaachuu ibsichi eereera.