Finfinnee, Waxabajjii 23, 2018 (FMC) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaan gabaa kaarbaniirraa akka fayyadamtuuf gumaachaa guddaa qaba jedhe Ministeerri Qonnaa.
Tarsiimoowwan Itiyoophiyaan gabaa kaarbanii idil-addunyaa keessatti akka hirmaattufi irraa fayyadamtu dandeessisan irratti mariin gaggeeffamaa jira.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Pirofeesar Iyyaasuu Eeliyaas yeroo kanatti akka jedhanitti, galma dinagdee magariisaa mirkaneessuuf sagantaan Ashaaraa Magariisaa bu’aa guddaa fidaa jira.
Kunis, gumaacha Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaatiif gochaa jirtuun gabaa kaarbanitti akka makamtuufi irraa fayyadamtu kan gargaaruudha jedhaniiru.
Gama biraatiin, Ministir Deetaan Pilaaniifi Misoomaa obbo Siyyuum Makonnin, gabaa kaarbanii hojiirra oolchuuf tarsiimoon misooma magariisaa itti fufiinsa qabu qophaa’uusaa ibsaniiru.
Itiyoophiyaan gabaa kaarbaniirraa fayyadamtu ta’uuf hundee seeraa akka qabaattuuf labsiin qophaa’uusaa eeraniiru.
Hogganaa Olaanaan Inistitiyuutii Tiraansifoormeeshiinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dooktar Maandafroo Nuguseen gama isaaniin, gabaan kaarbanii qonnaa akka deeggeruuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Zuufaan Kaasaahuuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia