Finfinnee, Ebla 16, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaan imala badhaadhinaa riifoormiiwwan mandhaleen eegalte itti fufsiisaa jirti jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.
Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa hoggantoota dhaabbilee federaalaa waliin gabaasa raawwii guyyoottan 100 kurmaana sadaffaa bara baajatichaa gamaaggamuu eegalleerra jedhan.
Waltajjichaan adeemsa boqonnaa haaraa Itiyoophiyaa barreessuu kan itti gamaaggamnu, agarsiistuu guddaa kaleessa hara waliin, har’a ammoo boru waliin walitti hiinudha jechuun ibsaniiru.
Kaleessa ijaarsi biyyaa xumuramuu dhabuun, rakkoon diimokiraasii, akkasumas walitti bu’iinsi biyya keessaa fi naannawaa Itiyoophiyaaf qormaata akka turan yaadachiisaniiru.
Yeroo ammaa mariin biyyaalessaa eegaluun, hirmaannaan paartilee siyaasaa guddachuun, seeronni fooyya’uun imaammanni ce’umsa haqaa ragga’uun fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun boqonnaa siyaasaa haaraa eegaluu eeraniiru.
Itiyoophiyaan imala badhaadhinaa riifoormiiwwan mandhaleen eegalte itti fufsiisaa jiraachuu kaasanii, Pirojektii eegaluu, qulqullinaafi ariitiin xumuruun mallattoo keenya ta’eeras jedhan.
Misooma kooriidariin, pirojektoota Maaddiin Biyyaaf fi damee Itiyoophiyaa diijitaalaan hojiileen misoomaa hojjetaman tajaajilaafi maqaa gaarii biyyattii jijjiiruu ibsaniiru.
Misooma qamadiifi sagantaa Maaddii Guutuun waanjoo gargaaramtummaa cabsinee gara birmadummaa nyaataatti imalaa jirra jedhaniiru.
Damee dippiloomaasiitiinis Itiyoophiyaan deeggarsa eeggachuurraa gara daldalaafi invastimantiitti ce’uun dhaggeeffatamummaa waltajjii idil-addunyaa irratti qabdu gara boqonnaa olaanaatti guddisuu ibsan.
Tattaaffiin keenya har’aa dhaloota egereef ashaaraadha kan jedhan obbo Tamasgeen, qormaatilee gurguddoo injifachuun, carraalee gurguddoo fayyadamuun kutannoofi miira jaalala biyyaan hojiin galateeffachiisu akka hojjetamu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia