Finfinnee, Fulbaana 21, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan maddoota guddina diinagdee ishee babal’isuun qonna, albuuda, indaastirii, tuurizimii fi ICT’n bu’aa olaanaa galmeessaa jirti jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Taakkaaliny.
Hojii irra oolmaan Riifoormii Diinagdee Gooroo biyya keessaa Itiyoophiyaa dameewwan hunda keessatti bu’aa hiika qabu argamsiisuu ibsaniiru.
Fooramiin Faayinaansii Itiyoophiyaa 2026, marsaa lammaffaan, guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xumurameera.
Fooramicharratti, karoorri waggaa shanii jalqabaa Faayinaansii Itiyoophiyaa dhala irraa bilisaa, bara 2026 irraa hanga bara 2030tti turu ifatti beeksifameera.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Taakkaliny wayita kanatti, ilaalchi addunyaan Itiyoophiyaa ittiin ilaalaa ture bu’uurarraa jijjiiramuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan qonna, albuuda, indaastirii, tuurizimii fi ICT’n bu’aa olaanaa galmeessuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan indaastiriiwwan oomishaa keessatti warraaqsa uumaa jiraachuu eeruun, albuudni madda murteessaa galii sharafa alaa ta’aa dhufuus ibsaniiru.
Daldalli dijiitaalaa haalaan dabalaa dhufuun, Riifoormiin Maayikiroo Diinagdee biyya keessaa dameewwan hunda keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu agarsiisa jedhaniiru.
Diinagdeen Itiyoophiyaa qormaatilee hedduu dandamachuun gara fuulduraatti ce’aa jiraachuu kan ibsan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Taakkaliny, kunis diinagdeen biyyattii kallattii sirrii irra jiraachuu kan mirkaneessu ta’uu dubbataniiru.
Fooyya’iinsi sirna sharafa alaa daldala alaa warqee irratti guddina ajaa’ibaa agarsiisuu ibsuun, garaagarummaa sharafa alaa gabaa idilee fi gabaa al-idilee gidduu jiru xiqqeessuu ibsaniiru.
Qabeenyi karaa sirna faayinaansii idileetiin gara diinagdeetti yaa’uun baramaa dhufuu fi kuufamni of eeggannoo sharafa alaas dabalaa jiraachuu ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
Riifoormichi dorgomtummaa daldala alaa cimsuu fi tuurizimii babal’isuun Itiyoophiyaan bakka invastimantiif mijattu akka taatuuf gargaaraa jiraachuu Dooktar Iyyoob Taakkaliny ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia