Itiyoophiyaan mirga abbaa-qabeenummaa karra galaanaa akka tasaa dhabde sarbamtee hin haftu

Finfinnee, Adoolessa 11, 2018 (FMC) – Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa mirga seeraa fi seena-qabeessa, akkasumas barbaachisummaa balbala ittiin baatuu fi galtu qabaachuu ishee kan mirkaneessuudha.

Gaaffiin kun dhimma birmaddummaa fi jiraachuu jedhamee kan waamamuufis; guddina dinagdee waaraa, nageenya biyyaalessaa, dhiibbaa naannichaa fi walumaagalatti faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf dhimma dantaa olaanaa qabu waan ta’eef.

Itiyoophiyaan hundeeffama isheerraa kaastee naannicha keessatti karra galaanaa qabaachaa kan turte yoo ta’u, naannoo Galaana Diimaatti ashaaraa seenaa fi qaroomina durii baay’ee hambisteetti.

Bara mootummaa Aksumitti, buufanni doonii Aduulis giddugala daldala addunyaa kan ture yoo ta’u, baroota itti aananittis abbaan-qabeenummaan karra galaanaa buufata doonii Massawaa fi Asabitti ittifufuu danda’eera.

Haa ta’u malee, carraa seenaatiin murtee siyaasaa seeraan alaa fi shira diinotaatiin balbala ishee seenaa fi seeraa irraa erga addaan baafamte waggoonni baay’een lakkaa’amaniiru.

Buufata doonii Asab fi Massawaa dhabuun isheetii guutummaatti biyya cufamte akka taatu kan ishee dirqisiise yoo ta’u, kanaanis daldalli ishee baasii fi galii, akkasumas nageenyi fi faayidaan biyyaalessaa ishee eeyyama biyyoota biroo irratti kan rarra’e ta’eera.

Itiyoophiyaan daldala baasii ishee dhibbeentaa 90 ol ta’u karaa buufata doonii Jibuutiitiin kan gaggeessitu yoo ta’u, kunis kiraa buufata doonii fi loojistikiif waggaa waggaan baasii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuuf ishee saaxileera.

Kun ta’uun isaa immoo gatii oomishaa irratti dhibbaa dabalataa uumuun dandeettii dorgomtummaa daldalaa ishee kan hir’isuu dha.

Karra galaanaa dhabamuun yaa’insa investimentii kallattii alaa kan gufachiisu yoo ta’u; gama biraatiin, abbaa karra galaanaa ta’uun oomishtoonni biyya keessaa dandeettii isaanii guutuun akka oomishanii fi carraan hojii bal’aan akka uumamu balbala bana.

Gaaffiin karra galaanaa biyyattii baasii geejjibaatiin ala nageenya biyyaa waliin kan walqabatudha; buufata doonii tokko qofa irratti hirkachuun yeroo jeequmsi siyaasaa ykn tasgabbii dhabuun nageenyaa uumamutti dinagdeen biyyattii akka salphaatti akka ukkaamamu gochuu danda’a.

Itiyoophiyaan gara abbaa-qabeenummaa karra galaanaa ishee seenawaatti deebi’uun ishee, humna galaanaa fi caasaa buufata doonii cimaa ijaaruun, naannoo Galaana Diimaatti akkasumas naannawichatti daldala ce’umsa galaanaa fi shororkeessummaa mul’atu ollaa waliin ta’uun ittisuuf dandeettii bal’aa uumaaf.

Biyyi namoota miliyoona 100 fi miliyoona 30 qabdu Itoophiyaan, addunyaa irratti biyya guddittii karra galaanaa hin qabne yoo taatu, gaaffii seenaa, seeraa fi haqaa kana karaa dippilomaasii fi ilaalcha waliin misoomuuf dursa kennuun hiikuuf carraaqqii bal’aa taasisaa jirti.

Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaan kaastu hundee seenaa kan qabu, dhugaa fi haqa akkasumas hawwii waliin misoomuu kan hammate waan ta’eef, carraa seenaatiin mirga abbaa-qabeenummaa haqa-qabeessa dhabde san deebistee argachuun ishee ifaadha.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad cimsanii akka dubbatanitti; namni fedhes fedhuu baatus, Itiyoophiyaan cufamtee hin haftu.

Malkaam Fiqaaduutiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment