Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC) – Dargaggootni aadaa isaanii akka beekan xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa.
Daraggoonni aadaa isaanii beekuun miira jaalala biyyaa caalmaatti akka horatan hojjetamaa jira jedhan Itti Aanaa Hogganaan Biirichaa Daraaraa Katamaan.
Ummanni naannichaa aadaa fi duudhaa isaa guddisuun akka irraa fayyadamuu misooma aadaaf xiyyeeffannoon addaa kennamuu dubbatan.
Feestivaalli Goobee fi Shinooyyee akkaataa duudhaa fi aadaa isaa eegeen akka kabajamu hojjetamaa jiraachuu kaasuun, waltajjichi dargaggoonni abbootii fi haadholiin wal arguun eebbaa fi beekumsa akka argatan kan taasisu ta’uu ibsan.
Goobeen tokkummaa, misooma, jaalalaafi nageenya faarsa; Shinooyyeen ammoo suga Birraa, gootummaa, bareedina umamaafi milkii faarsa.
Lamaanuu ce’umsa dukkanarraa ifatti, rakkoorraa qananiitti, adda cituurraa qaaman walarguutti, yaaddorraa nageenyatti taasifamu lallabuun abdii, araaraafi boqonnaa haaraa yaadachiisu.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaafi duudhaa uummataa sirnoota darbaniin addaan citanii turan bakkatti deebisuu cinatti aadaan kun dorgomaa akka ta’uuf Haaromsa Aadaa geggeessaa jira.
Haaromsi Aaddaa Afaan, seenaa, falaasama, dhaabbilee hawaasaa, duudhaa, safuu, aartii, ogummaa, beekumsa xabboofi ittigaafatamummaa waloo akkasumas barnoota, qorannoo, saayinsii, teknoolojii, dhaabbilee, bulchiinsa, jireenya hawaasaafi dinagdee bar-dhalee gidduutti walsimaa ta’e uumuudha.
Yoonaas Geetinnatiin
#Oromia #Ethiopia