Finfinnee, Qaammee 3, 2018 (FMC) –Ayyaana bara haaraa irratti adda ciccituu tajaajila elektirikaa muudachuu malu hir’isuuf qophiin taasifame jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.
Rakkoolee tasa mudachuu malaniif deebii saffisaa kennuuf qophii bal’aan taasifamuu Raawwataan Kominikeeshinii Tajaajilichaa Anwaar Abraar Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Jala bultii fi guyyaa ayyaanaa adda ciccituu Elektirikaa muudachuu malu hir’isuuf caasaa dhaabbatichaa guutuu biyyattiitti argamuu fi Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Hanga guyyaa ayyaanaatti sa’aatii 24’f Gareen Teeknikaa deebii saffisaa kennu Humna Elektirikaa Itiyoophiyaan waliin gurmaa’uun gara hojiitti galuu kaasan.
Fedhii Humna dabalataa jala bultii ayyaanaaf uumamuu danda’u dandamachuuf dandeettiin Tiraanisfoormaroota 178 fooyya’uu, kunneenis 88 Magaalaa Finfinnee fi 90 ammoo magaaloota Naannoleetti kan argaman ta’uu ibsan.
Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa qophiiwwan barbaachisan xumurus, yeroo ayyaanichaa fedhii humna elektirikii olaanaa uumamu madaaluuf, maamiltoonni meeshaalee humna qusatan akka fayyadaman, akkasumas meeshaaleen elektirikii balaaf nama hin saaxillee akka fayyadaman yaadachiisan.
Finfinneetti wiirtuulee tajaajilaa kennan hundaafi wiirtuulee dameewwaniitti, tajaajilli kaardii guutuu guyyaa jala bultii ayyaanichaa hanga galgala sa’aatii 12:00tti akka kennamu ibsaniiru.
Guyyaa ayyaanichaas wiirtuulee filataman keessatti tajaajilli kaardii guutuu banaa ta’ee akka itti fufu dubbatan.
Maamiltoonni yeroo ayyaanichaa rakkoo ykn balaan elektirikii tasa yoo mudate, yookaa odeeffannoo suphaa fi yaada kennuu yoo barbaadan, lakkoofsa bilbila bilisaa 905 irratti bilbiluun beeksisuu akka danda’an hubachiisaniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin
#Oromia #Ethiopia