Itiyoophiyaan misooma anniisaa haaromfamaa cimsitee itti fufti- Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Qaammee 2, 2018 (FMC)- Itiyoophiyaan misooma anniisaa haaromfamaa cimsitee itti fufti jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Yaa’iin waggaa Invastimantii Idil-adddunyaa Eemireetota Araba Gamtoomanii Dubaayitti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaanti Taayyeen haasawaa yaa’icharratti taasisaniin, yaa’ichi wayita caaseffamni diinagdee addunyaa jijjiiramaa jiruufi jijjiiramoonni teeknooloojii haalota jijjiiraa jiranitti gaggeeffamuun isaa faayidaa qabeessa ta’uu ibsan.

Yeroo ammaa haalonni siyaasa qubsumaa idil-addunyaa cancala sona daldalaa addunyaa murteessaa jiraachuu kaasanii, taateewwan kunneen biyyoota guddinarra jiran keessumaa Afrikaan gara keessoo ishee akka ilaaltuuf carraa uumeera jedhan.

Biyyoonni Afrikaa taateewwan idil-addunyaa kanneen taa’anii kan ilaalan osoo hin taane hirmaattotaafi qaama sirna ijaaruu akka ta’aniif karaa Gamtaa Afrikaa waliigaltee waloorra gahamuu ibsaniiru.

Keessumaa hojiileen ce’umsaa diinagdee waaraa Itiyoophiyaan waggoottan darban hojiirra oolchaa jirtu akkaataa Kanaan kan qindaa’an ta’uu eeraniiru.

Afrikaan diinagdee waaraa akka ijaartuuf carraalee invastimantii tarsiimawaa duguugdee itti fayyadamuuf dhimmoota gurguddoo shan hojjechuu qabdi jedhan.

Misooma anniisaa bishaanii, qilleensaa, aduufi hurka lafa jalaa babal’isuun fi damee qonnaa irratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabdu hubachiisan.

Itiyoophiyaanis filmaata anniisaa haaromfamaa akka qabeenya biyyaalessaatti qofa osoo hin taane guddina diinagdeef  bu’uura akka ta’e kan fudhattu ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Comments (0)
Add Comment